Ee Yerusalemu, lafaa kai, garaa jabaad'i! Ee dira qulqullo, woya mid'aadu keeyad'i! Worri Waaqa imbeenne, ka aada inqamne, deebie fullo teetiini oli inseenu.
Nama Ilma Waaqa tuffatu, ka d'iiga wold'aqisa Waaqa ka isa qulqulleese bilaasha sehu, ka Lubbu eebaa arabsu, maal tolchani re? Gaargala isaa, aka inni hama, me herega!
Yo nami waan tokole fagiisa kitaaba kana keesaa fuud'e, Waaqi qooda mid'aani mukha jireenna isa duraa fuud'a, qooda isaa ka Dira Qulqullole, ka kitaaba kana keesati t'aafani.