Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhii Yohaannisii 11:18 - KITAABA WAAQA

18 Worri Waaqa imbeenne ya dalane, ammo dalansuuni tante ya d'ufte, hojjaani worra due qoranile; ammalle hojjaani hojattu tante raagootafi nama ch'ufa, diqaafi guddale, nama si sodaatu ch'ufa galata kennaniifi ya d'ufte. Yoi nama lafa balleesu balleesani ya gahe!

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhii Yohaannisii 11:18
48 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Jaalalti inni nama isa sodaatu jaalatu haguma fageenna lafafi gubbaani wolhanqattu geeti!


Aabbooni gama kanke ka mirga jira; inni hojja dallanu hayyoota imballeesa


ammo nama isa sodaate, jaalala isa ta ind'umanne abdatuti isa gammachiisa.


Duuba inni worrati dallane, dallansu sunini worra mudamsise,


D'uguma baafami isaa nama isaa sodaatu iraa fago injiru, akasiini guddinni isaa lafa teenna keesaa imbahu.


Eegi waan kana ch'ufa jecha toko ch'allati hafa: Waaqa sodaad'i, seera isaa gula deemi; wonti akanatiifi wonti nama iraa fed'ani tana.


Ch'ubbichi dandae maro d'ibba toko hameenna tolche iraa hafe lubbu bula. Anini waan nami jed'u imbeekha; hojja atini Waaqa sodaatte woma intaatu,


Duuba qonqooni mirgaafi ilaboruti d'ufte isa mudamsiifte, inni aka hama dallane, d'aqe, nama heddu had'e fit'a.


Jennaani gubbati kori tae dubbi suni laalani, jabeenna isaa iraa fuud'ani aka hama isa balleesani.


Waan inni mala qabuufi, inni kara isaa dabdicha sunini wo dabsata. Inni ufi saade kiyyibe dagu nama hobaasa. Ammalle hayyu hayyu ch'ufa ira guddaleeni morka ammo harka namaa male isa balleesani.


Hojja suni gammada, qilit'ama, gatiini teesani ta gubba jirtu waan guddo. Akuma kana raagoota duri gaargalchani.


inni worra isa sodaatu inaha, d'aloota ch'ufa keesa.


Akuma nami ch'ufti maro toko ch'alla due, ammo eegi suni Waaqi nama qoru,


Yo malaikaani torbeeso magalata ufi d'oofte, Waaqi herega ufi ka d'ossani inguuta, akuma inni hojattu ufi raagootati odeese.


Ammo ch'icha Mana Waaqa ala d'und'uma ind'aiini, isi ya gosa d'ibiti kennani, aka worri Dira Qulqullo jia afurtami lama ira ejaanjattu.


Nama qabu fed'ani inqabani; nama sheeftiini ijeesu fed'ani inijeesani. Worri Waaqaa obsafi d'ugefacha qabaachu male.


Bineensi kaani nama ch'ufa, diqaafi guddale, dureesafi hiyyeesale, tisseefi balchale, beesisa harka mirgichafi adda gubba keyachiise.


inni daad'i dalansu Waaqa d'uga, ta ato ilaafisiini mudunu dalansu isati naqani! Ammalle ibidafi qanqeeni fuula malaika qulqullofi Ilme Hoola durati isa gaargalchani.


Jennaani anini akheekha waan mama d'ibi gubbati arge: malaika torba ta gaargala torba harkaa qabdu. Tunini gaargala eegeeti, tanaani dalansuuni Waaqa hobaati.


Jennaani waan lubbu qaba afraani kaani keesa toko qori torba ta worqi ta dalansu Waaqa ammafi hegerile jirutiini guutani, toko toko malaika torbaanti kenne.


Akuma isiini isani tolchite isanileeni isii tolcha, maro lama waan isiini baafte baasaafi. Farso isiini isani obaafte ta maro lama ira jabdu mudunu isiti naqa.


Sheeftiini qara qabdu afaani isaa keesaa baate, ta inni gosa ch'ufaani dabsatu. Inni ule sibiilatiini worra fide, daad'i dalansu Waaqa Gudda ch'unfa.


Koota, fooni hayyootatiifi ka abbooti duulatiifi ka askartitiifi ka fardatiifi ka nama farda yaabatutiifi fooni nama ch'ufa, tisseefi balchale, diqaafi guddale nyaad'a jette.


Jennaani fulla barch'uma guddinnati qonqooni gadi baate waan jette, Waaqa keenna faarsa, hojattuuni isaa ch'ufti, nami ch'ufti diqaafi guddaleeni, nami isa sodaatu ch'ufti!


Ammalle anini nama due, diqaafi guddale, ka barch'uma guddinna dura tatau arge. Kitaaba heddu banani ammalle toko d'ibile banani, kitaaba worra jiru. Worra qara due waan worri tolche gula qorani, akuma kitaaba keesati t'aafani.


Nama maqa isaa kitaaba worra jiru keesati int'aafiini ch'ufa galaana ibida keesa buusani.


Yesoni waan jed'u, Ch'aqaaqasi! Anini d'iotu d'ufa! Nama ch'ufa waan inni tolche gula galata kennaafi.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ