Anini si faarseti si guddisa, ee Waaqa ababoota tiyya; atini yayu qaroomafi jabeenna naa kennite kad'acha tiyyale d'ageete, waan nu hayyuti himnu nu garsiifte.
Ammo galati Waaqa imbadiini! Yo nu Kristo keesa jirru, Waaqi hojja ch'ufa aka nama Kristoni boojie dabsachaani galchu nu yaasa. Aka urgaa qayyaa ka fulla ch'ufaa yaatu, Waaqi nama ch'ufati Kristo nuuni mullisa.
Anini Yohanani gara gumi torba ta lafa Asia keesa jirtu waan kana t'aafa: Waaqi ka amma jiruufi ka durile jiru, ammalle ka hegerile jiruufi lubbu torbaani ta barch'uma isaa dura teteetufi