Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhii Yohaannisii 10:5 - KITAABA WAAQA

5 Jennaani malaikaani anini galaanafi lafa goddu gubba ejitu arge taani harka mirga olfud'atte,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhii Yohaannisii 10:5
29 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Abramuuni harka olfud'ate kakhate waan jed'eeni, Anini Waaqa AABBO Gudda, ka lafafi gubba uume durati kakhad'a,


Jennaani worri Israeli kad'acha tana kad'ate: Ee AABBO si ch'allati AABBO Waaqa; nami gubbafi urjile uume siuma. Atini lafafi baariinifi waan keesaa jira ch'ufa uumte jireesite wonti gubba jira ch'ufti gajette si kad'ati.


Ayyaana isaati ka Waaqi Yakobo qarqaare, innileeni AABBO Waaqa ufi,


Wonti akanatiifi AABBO Waaqi guyya jaa keesati gubba, lafa, galaanafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, guyya torbeeso hafuura baafate. Tanaafi AABBO Waaqi Sabato eebise qulqullo tolche.


Anini lafa Abrahamufi Isaaqofi Yakobo kakhad'e isani geese, lafa suni d'aaltani. Anini AABBO Waaqa.


Tanaafi anini lafa gamooji suni keesati worrati kakhad'e waan jed'eeni, Anini lafa lafa ch'ufa ira mid'aadu, ta aananifi dammi aka lola yauti isani ingeesu.


Tanaafi anini lafa gamooji suni keesati worrati kakhad'e waan jed'eeni, Anini lafa ch'ufa keesa isani firfirsa.


Anini lafa duri worraa kakhad'e taanini d'umnaani, worri gaareeni d'ed'eertufi mukeeni dodoti lafa suni ch'ufa sorio iti qale. Worri sorio gubanifi daad'i d'ibaafatanini na dallansiise.


Hojja anini lafa Israeli ta ababoota teesani kakhad'eti isani galche aka anini AABBO Waaqa beetani.


waan jettuuni, wonti AABBO Waaqi guddaani jed'u tana: Anini gaafa worri Israeli fohad'e; Worrati kakhad'e, lafa Misiri keesati ufi agarsiise waan jed'eeni: Anini AABBO, Waaqa keesani.


Anini, AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Anini inkakhad'a, aka gochiti d'aatu teesani jirtu tunini ch'ufti ch'eeraani baddu male inteenne.


Anini duri ababoota teesani kakhad'e, amma tana wolqit'eti qoodad'a.


Malaikaani taani harka lachu gara Waaqa olqabatte, maqa Waaqa haga jiru jireenna jirutini kakhate waan jette, wonti sunini eegi ganni sadiifi jii jaa dabre guutamti. Gaafa gumi Waaqa gaargalchani iraa deebiani wonti kunini gaafasu ya guutamte. Gaafa isiini dubbi suni jette anini artuma jira.


D'iiro, isani maafi waan akana kana tolchitani? Nu namuma aka keesaniti! Nu Odu Dansa isaniti hasoomna, aka waan kana ka woma intahiini iraa deebitani, gara Waaqa jireenna ka gubbafi lafafi galaanafi waan keesa jira ch'ufa uume deebitani.


Ato anini dedeeme aada kad'acha teesani ilaalu, anini dubbi toko ta fulla isani sorio iti qalattani gubbati t'aafani arge, ta GARA WAAQA NAMI IMBEENNE jettu. Tanaafi waan isani ato imbeenne kad'attani suni anini isaniti odeesa.


Haga Waaqi lafa uume jabeenna isaa ka hegeretiifi, waaqoomi isaaleeni, ato ilaani argu baatani, ya waan inni tolche keesa aka dansa mullate.


Anini harka kiyya olfuud'e kakhad'a, aka anini Waaqa jiru,


Gaafa Waaqi Abrahamuti kakhate, inni aka waan qara jed'e guutu kakhate. Waan nami tokoleeni ka isa ira gudda injirreefi, inni gaafa kakhate maqa ufi d'ae.


Anini ka jiru! Duri la due ammo amma haga hegerile injira. Fura duisatiifi ka awaalale harkaa qaba.


Woraqata diqa banisa qabu toko harkaa qabdi. Miila isii mirgicha galaana gubba keyatte, bitaacha lafa goddu gubba keyatte,


Isiini waan qonqo guddooni jette, Waaqa sodaad'a, guddisa! Wonti akanatiifi hojjaani qorsuma isaa la geete. Waaqa ka lafafi gubbafi galaanafi maddo bisaani ch'ufa uume guddisa!


Jennaani malaikaani torbeeso qori ufi qilleensati jissite. Qonqooni guddooni barch'uma hayyuma ka Mana Waaqa keesa jiru keesaa baate waan jette, Ya tolchani!


Aabboofi Waaqa keenna! Atini Guddinnaafi ulfinnafi jabeenna argachu malte. Atini waan ch'ufa uumte, fed'i teetiini wonti ch'ufti uumamte jireenna argatte jed'ani.


Yo wonti Lubbu qaba afraani sirba guddinnatiifi ka ulfinnatiifi ka galata nama barch'uma guddinna gubba tau, ka haga hegeri tau sirbitu,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ