Kapernaumu, waan gubba oldeemtu ufi seeta? Fulla ekhera si buusani. Yo sila waan mama ka si keesati tolchani Sodoma keesati tolchani, diri suni haga arra injira.
Ato laafinnaani maskali gubbati isa ijeesanile, jabeenna Waaqaatiini amma jira. Nuleeni isa keesa lalaafo; ammo jabeenna Waaqa ka gara keesani jiruuni isa woliini teenna.
nami amma jiru ananiti, Kristoti na keesa jira male. Jireenna anini amma jiru kana maro d'ugefacha Ilma Waaqaatiifi jira, ka na jaalate jireenna ufi naa baase.
Jennaani galaani nama keesati due ch'ufa gadi yaase. Duisafi fullaani ekheraani teetuleeni nama isi keesati due ch'ufa gayaafte. Nama ch'ufa waan inni tolche gula qorani.
Gara malaika gumi Filadelfia waan kana t'aafi: Tunini dubbi nama qulqullotiifi ka d'uga, ka fura Daudi harkaa qabu, ka yo inni bane nami tokoleeni dandae inch'umne, yokhaani yo inni ch'ufe nami tokoleeni dandae imbanne.