Waaqi waan nani jed'e, Worri Israelitiifi ka Yuda ya ch'ubbu hamtu tolche. Worri yayu lafa ch'ufa keesati nama fit'e Yerusalemu ch'ubbuuni guute. Worri waan jed'u, AABBO Waaqi ya lafa teenna lakise. Inni amma nu inargu.
Worri dira suniti mataa gumbo nyaate dubbi namaa qora; qaaloleeni wo nama ira fud'attu male seera nama imbarsiiftu. Raagootileeni beese male woma namaa inhimtu. Duuba worri kunini ch'ufti, AABBO Waaqi nu woliini jira, nu woma intaanu jed'a.
Tanaafi ato hojjaani ingahiini nama tokole inqorina. Qorsumaani muumme gaafa Aabbooni mullatu taati. Inni waan d'ossaniifi herega garaa nama ch'ufa diidati baasa. Gaafasi nami ch'ufti faaru inni argachu male Waaqa ira argata.