Tanaafi ato hojjaani ingahiini nama tokole inqorina. Qorsumaani muumme gaafa Aabbooni mullatu taati. Inni waan d'ossaniifi herega garaa nama ch'ufa diidati baasa. Gaafasi nami ch'ufti faaru inni argachu male Waaqa ira argata.
Tanaafi anini, AABBO Waaqi Israeli, waan jed'u: Anini duri aka worraafi gochiti tante haga jiru jireenna qaallu naa tatu kakhad'e. Ammo anini amma aka suni ya dide! Anini amma nama na guddisu guddise ammo nama ch'eera naa d'abu tufad'a.