34 Tanaafi waan bori ind'ind'insiina, waan bori, ha borumani ufi d'ind'insituti. Guyyaani ch'ufti gaargala ufi qaba.
Jaalalaafi naasuuni sunini diirama ch'ufa hareeti, ammalle guyya ch'ufa injirti aka bari diirama.
Liqimsa teenna ta arra nuu kenni;
Tanaafi anini isaniti hima, Jireenna yokhaani nyaata d'ugaati, yokhaani waan nafaati uyifatani ind'ind'insiina. Jireenni liqimsa ira injiru: Yokhaani nafi woya ira injiru:
Eentu isani keesa, ato d'ind'insele, dandae d'und'uma toko d'eerinna ufiti dara?
Ammo Aabbooni waan jed'eeni, Martha, Martha, atini waan hedduuni ufi gaargalchita,
liqimsa teenna guyya ch'ufa nuu kennni.
Yo Mana Waaqatiifi jaarolefi nama gugurda dura isani geesani, waan deefattaniifi waan dubbattani iyaadiina.
Jennaani Yesoni waan jara ufitiini jed'e, Wonti anini, Waan sagale yokhaani woya uyifatani inqulqulliina jed'eefi tana.
Nagayaani taa, nagayaa kiyya isanii kenna, aki anini isanii kennu aka nami lafa woli kennuniti, garaa keesani keesa gaargaltani insodaatiina.
Waan kana anini ya isaniti hime, aka na keesa nagaya argattani. Lafa keesa d'ipu argattani, ammo garaa jabaad'a! Anini ya lafa dabsad'e.
garaa worra d'ugefate jabeese aka d'ugefacha keesa taani gorse waan jed'e, Nu gaargala guddaani Finna Waaqa argachu malle.
Balbala fullo dira isaa ha sibiilani ch'ufani, isa ha guyya ch'ufa aka dansaa qorqorataniti.
Waan tokole inqulqulliina, ammo kad'acha teesani ch'ufa keesati waan feetani ch'ufa Waaqa kad'ad'a guyya ch'ufa galata Waaqaa deebisa.
Gaargala keesani ch'ufa harka isaati kennad'a, wonti akanatiifi inni isani jaalate qorqorata.