kad'acha isaa d'agayifi. Mana kanke ka gubbati worra ch'aqasi, araaramifi, qarqaari. Si ch'allaati herega nama ch'ufa beekha, tanaafi nama ch'ufa waan isaa male tolchiifi,
Anini kakhu tiyya ta d'aloota kunki kunki jabeese ch'ubbufi hameenna worraa araaramafi; ammo anini d'aloota sadeesotiifi ka afreeso ka abbootini worraa daba tolchite ingaargalcha.
AABBO Waaqi waan jed'u, Koota, dubbi tana ilaala. Ato dabi keesani diimatele adi aka aanani tolchani, Ato inni aka male diimatele adi aka ch'aama tolchani.
Ee AABBO, nu d'agayi, AABBO, nuu araarami, AABBO nu ch'aqasi, nu qarqaari! Aka nami ch'ufti aka atini Waaqa si beekhu, AABBO, hurrisi nu qarqaari! Dirafi gumiini tunileeni teeti.