1 Eegad'a aka huji teesani dansa nama durati intolchine aka nami argu. Yo akasi tolchitani Abba keesani ka gubba jiru galata ira inargattani.
Waan jed'eeni, Na gula kooti, aka anini guddo AABBO Waaqa jaalad'u argi. Duuba worri kae, Samaria woliini d'aqe.
Ammo Yehuni Seera AABBO Waaqa Israeli guddo jabeese gula indeemne, fulla suni inni faana Yeroboamu, ka worra Israeli ch'ubbu keesa buuse, gula bahe.
Inni arjomaani hiyyeesa woi kenne, dansumti isaa haga jirtu inhobaatu, inni irre horate, gurra dansa argata.
Duuba gumiini tiyya wolti baate, waan atini jettu ch'aqasu d'ufti, ammo dubbi tante suni tokole gula iyyaatu; isiini akuma sirba worrati jirti, worri tanaleeni iraa deebie sabdooma ufi illakisu.
Tanaafi amma, ee hayyicha gorsa kiyya ch'aqasi, fud'ad'i. Ch'ubbu lakisi, waan dansaa tolchi, hiyyeesale nahi, duuba atini horteeti bulta.
Hojja guyyaani sunini gahe, raagi tokoleeni ka, Anini daayya arge jed'e kiyyibu injiru, yokhaani ka raaga ufi tolche woya raagaa keeyate nama sobu injiru.
Waan atini nama lafatifi qaaloleeni jettu, Gaafa isani jia shaneesotiifi ka torbeeso ufi agabsitani ganna torbatama bootani, isani d'uguma naa jettani akasi taatani?
Ilmi Nama malaika ufi woliini guddinna Abbaatiini d'ufa, duuba nama ch'ufa huji isaa gula waan isaa male kennaafi.
Yesoni waan worraani jed'e, Bukho Farisayootiifi ta Sadukayo eegad'a.
Gaargala keesani jara Seera beekhufi Farisayo! Kiyyibdoole! Isani Finna gubba nama duraa ch'uftani, ammo ufile inseentani, yokhaani worra seennu fed'ule d'owartani. [
Waan ch'ufa aka nami worra argu tolchani. Qud'aami worri addafi harkati hid'atu waan gugurda, handaari woya worraleeni waan d'ed'eera.
Hayyuuni waan jed'u, Waan anini isaniti himu, waan oboleyaani tiyya didiqo tanaa tolchitani yayu nale tolchitani.
Akasuma ifsaani keesani ha nama durati ifsu, aka hujiini teesani dansaani mullatte Abba keesani ka gubba jiru guddisani.
Yo nama isani jaalatu ch'alla jaalattani, gati maani Waaqa ira argattani? Worri damoosa guuruleeni akasuma tolchaniti?
Isani qit'e tahu maltani, akuma abbaani keesani ka gubba qit'e.
Yo Waaqa kad'achaafi agabdani, fuula iyakatiina, aka worra kiyyiba. Worri fuula yakata, aka agabu worraa nami argu. D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Worri suni gati ufi ya argate.
Aki kad'atani akana: Aabbo keenna ka gubba jirtu, maqa kanke qulqullo ha guddisani;
Yesoni waan Jara isatiini jed'e, Bukho Farisayootiifi ta Herode ira ufi eega.
Tanaafi eegad'u, aka ifsaani si keesa jiru dukana intaane.
Gumiini kunki hedduu wolti baate woli ira ejaanjatte, jennaani Yesoni qara waan jara ufitiini jed'e, Bukho Farisayo eegad'a, anini kiyyiba worraa baana.
Inni waan biyyaani jed'e, Me hubad'a, d'arraa ch'ufa eegad'a; wonti akanatiifi jireenni namaa qabeeni isaa keesa injiru.
Ammo Yesoni waan worraani jed'e, Isani worra nama durati ufi d'ugeesu, ammo Waaqi garaa keesani imbeekha; wonti akanatiifi waan nami waan guddo wo namaa baatu sehu Waaqi woma insehu.
Wonti akanatiifi worri saadu Waaqa iraa ta namaa fed'a.
Isani akami dandeetani d'ugefattani, ka guddinna wolira argattani, ammalle guddinna Waaqa tokocha iraa d'ufu barbaadu diddani?
Petroni waan kana arginaani waan biyyaani jed'e, Worra Israeli, maafi waan kana mamtani sonaani nu ilaaltani, aka waan nu jabeenna keennaani yokhaani qulqullooma keennaani nama kana fayyimne?
Worra ufi guddisu fed'u, ka waan mullatatiini kiyyibuuti, qabanqaba isanii qabu fed'a. Wonti worri akasi tolchuufi aka maskali Kristotiifi ingaargalle.
galgala ch'ufa akasuma tolcha, aka inni woya sunini rafu duuba inni sii eebise, AABBO Waaqileeni sii eebisa.
Inni hori lafa Misiri ira, araba maro Kristotiifi isa arabsani dansa heregate, waan inni galata eegi tana heregeefi.
Maro waan kanatifi nu dubbi d'ageenne tana jabeesu male, aka iraa ingorre.
Waaqi ka d'ugaati. Inni huji isani maro isa jaalattaniifi tolchitani inded'u, hojja isani gumi Waaqa duri qarqaartani arrale qarqaartani.
Ufi eegad'a, aka waan hojattani argattani imballeesine, ammo galata keesani aka dansa argattani.