5 Ayyaana worra ufi diqeesu: lafa ch'ufa d'aalani!
Inni nama ufi inguddimne kaase, ammo ch'ubbicha lafa buuse balleesa.
AABBO Waaqi gumi ufi iraa gammade, nama ufi inguddimniele nyaapa isaa dabsachiise ulfeesa.
Hiyyeesi haga fed'u nyaate quufa; nami AABBO Waaqa barbaadu isa faarsa. Worri sunini ha haga jiru jireenna hormaata qabaatuti!
Nami sunini woi horata, ilmaani isaaleeni lafa d'aalti.
Inni nama ufi inguddimne kara d'uga qajeelche, fed'i ufii garsiisa.
ammo nami ufi inguddimne lafa d'aale woi horate, nagayaani taa.
Nami AABBO Waaqi eebise lafa d'aala, ammo ka inni abaare keesaa gussani.
Nami d'ugaa lafa d'aale, haga jiru jireenna keesa taa.
AABBO Waaqa d'aabad'i, dubbi isaa gula deemi; inni lafa sii kenne akasiini gurra siti tolcha; duuba atinileeni worra ch'ubbuu ka lafa suni keesaa gussani agarta.
Nami AABBO Waaqa eegatu lafa d'aala; ammo ch'ubbicha keesaa gussani.
Hiyyeesi, hojja waan kana argu, ingammada; nami Waaqa kad'atuleeni garaa jabaata.
Inni hiyyeesa d'ugaani qore, nama qarqaarsa inqamne kalcha. Jecha isaa gula wollaala namati murani, dubbi isaatini nama ch'ubbu fit'ani.
Hiyyeesafi nami guddinna inqamneleeni deebie gammade waan AABBO Waaqi qulqullooni Israeli namaa kennu argata.
Gumiini tante ch'ufti waan d'uga tolchite, haga jiru jireenna laftileeni ta worraa tati. Anini worra oobre mid'aasa, aka nami ch'ufti guddinna kiyya argu.
AABBO Waaqi guddaani yayu lubbu isaatini na guute. Inni yayu na muude na erge, aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeese, nama guddo garaani laalala qabu fayyise, nama hid'aansa keesa jiru ha hiikhaani jed'e, nama hid'anile hiikha.
AABBO Waaqa barbaada, isani worri balchichi, ka seera isaa guutu. Waan qajeela barbaada, AABBO Waaqa durati ufi balchoomsa. Hegeri guyya dallansu AABBO Waaqa duraa baatanifa.
(Musani nama guddo balchicha, nama balcha aka isaa lafa keesati inargani.)
Qaampara kiyya keyad'a, naraa barad'a, anini nama laana, ka mata inguddifanne; duuba boqota argattani.
Waan dira Sionitini jettu: Hayyuuni kanke siti d'ufu jira, inni nama laana, harre yaabata, inni bukhura harre yaabata.
Waaqi Abrahamufi d'aloota isaati kakhate, Lafa ch'ufa sii kenna jed'eeni, Wonti kakhu tana kennaniifi waan Abrahamuuni Seera jabeeseeniti, ammo waan inni d'ugefannaani Waaqi d'uga heregeefi.
ufi diqeesitifi ufi qorqoracha d'alti. Wonti kuni tokoleeni seera inqabdu.
Ufi olimfuud'ina, laana yaa, waan ch'ufa obsa. Jaalala teesani wolqarqaarsaani agarsiisa.
Isani gumi Waaqaati; inni isani jaalate, isani fohate. Tanaafi naasufi arjoomafi ufi diqeesitifi laana deemtifi obsa qabaachu maltani.
Ammo atini, nami Waaqa, waan kana ch'ufa lagad'u. Waan d'ugaafi ta Waaqi fed'ufi d'ugefachaafi jaalalafi obsafi laana deemiti barbaadi.
ka laanatu kara nama isaani morku garsiisu tahu male. Hegeri Waaqi daba ira worra deebise, d'uga worra barsiisa.
Hameenna nama tokole indubbatiina, ammo hojja ch'ufa nagayafi jaalafi adaba dansaani nama ch'ufa woliini taa jed'iini.
Adaba t'uritiifi huji hamtu ch'ufa lagad'a. Dubbi garaa keesani keesati fach'aasani, ta dandeete lubbu teesani baaftu, kara laanatiini fud'ad'a.
Nami qalbi qabu ka wo hubatu jiddu teesani jira? inni ha jireenna dansaafi, huji dansaafi, ufi diqeesitifi, qaroomafi qalbi, aka qabu agarsiisuti.
Ammo garaa keesani keesati Kristo guddisa Aabbo isa tolfad'a. Nama waan abdi isani ufi keesa qabdani isani gaafatu, aka iti himatani hojja ch'ufa kurfo taha. Ammo garaa laafinatifi ka ch'eeratiini tolcha.
Ammo mid'aagumti teesani ta garaa keesa tahinna, mid'aaguma lubbu laanafi obsa ta injaare; tunini Waaqa durati waan guddo.