Kad'acha isaatiifi aka Waaqi kad'acha suni d'agayeefi ch'ubbu inni ato qara iraa indeebiini tolcheefi — waan hamtu inni tahe, ka inni fulla waaqa d'ara iti kad'atani jaare, akheekha Ashera mid'aase Waaqa d'ara ka inni kad'atele — waan kana ch'ufa kitaaba odu raagoota keesati t'aafaniti t'aafani.
AABBO Waaqi guddaani yayu lubbu isaatini na guute. Inni yayu na muude na erge, aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeese, nama guddo garaani laalala qabu fayyise, nama hid'aansa keesa jiru ha hiikhaani jed'e, nama hid'anile hiikha.
Waan anini isaniini jed'u, Namichi kuni nama kaani ira mana ufiti d'ugaani gale. Wonti akanatiifi nami ufi guddisu indiqaata, ammo ka ufi diqeesu inguddisani.
Lubbuuni Aabbo na gubba teeti. Inni ya na muude aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeesu. Inni ya na erge aka worra hid'ani waan hiikhaansa himu, aka ballaleeni lafa argu, aka nama gaargalchani gaargala keesaa baasani,