17 Waan anini barsiisa Seeratiifi ta raaga balleesu d'ufe insehiina. Anini aka balleesu ind'umne, ammo aka qit'eesu d'ufe.
Wonti akanatiifi Kristoni ya Seera muumme baase, aka nami d'ugefatu ch'ufti d'uga argatu.
Ammo ira laaftu aka lafafi gubbaani dabartu fulla dubbini Seera toko baddu.
Wonti Waaqi waan kana tolcheefi, aka waan d'uga ka Seeri fed'u nuu tolchani, nu ka ammatana nafa gula iyaane ammo Lubbu gula yaanu.
Nu d'ugefachaani Seera balleesina re? Hiyyo, akasiiniti! Seera jabeesina.
AABBOONI Waaqa guddo nama baasu fed'u, tanaafi inni seerafi barsiisa isaa guddise, aka gumiini isaa beetu fed'e.
Akuma aka nami waan dansa isani tolchu feetani, akasuma namale tolcha; tunini dubbi Seeratiifi ta raaga.
Ammo Yesoni waan jed'eeni, Amma ha taatu, kara kanaani waan Waaqi fed'u ch'ufa guunna. Jennaani Yohanani ee jed'eeni.
waan jetteeni, Namichi kunini aada male biyya aka Waaqa kad'atani barsiisa!
Nama d'ara dubbatu barbaadani waan jed'aniini, namichi kunini dubbi hamtu Mana Waaqa qulqullo kanaafi waan Seera Musale dubbachu illakimne jed'a.
Duuba Seera keesa Musani nad'eeni akana tana, D'akhaani d'aana, ijeesa nuuni jed'e. Ammo atini maani jetta?
D'iiro, gosa Israeli, nu qarqaara! Namichi kunini sunuma, ka nama ch'ufa fulla ch'ufati barsiisu, aka gosafi Seerafi Mana Waaqaa kana tuffatani. Ammalle nama gosa Griki Mana Waaqa kanaani d'ufe, fulla qulqullo tana t'ureese.