16 Akasuma ifsaani keesani ha nama durati ifsu, aka hujiini teesani dansaani mullatte Abba keesani ka gubba jiru guddisani.
Worri Israeli fuula Musa ka bibiliqu arge. Duuba Musani hagogo taani ammalle fuulati deefate, haga hojaani inni AABBO Waaqaani haasau d'aqu geetuuti.
Karaani worra d'ugaa akuma biiftu ganama ifsa, ta haga lafti guyyatuti ifsuma ifsitu.
Duuba yo isani akasi taatani, eebiti tiyya aka adu ganama isanii ifsite mada teesanile yoosu fayyisani. Anini hojja ch'ufa isani woliini tae isani baase gama ch'ufa isani qorqorad'a.
nama Sioni keesati bohu jiru ch'ufa fulla laalala gammadafi qilit'ama kenne, fulla laalefacha faaru d'aachisu. Worri mukeeni AABBO Waaqi oobre fakaata. Worri ch'ufti waan dansa tolche, Waaqale waan inni tolcheefi faarsani.
Waan ch'ufa aka nami worra argu tolchani. Qud'aami worri addafi harkati hid'atu waan gugurda, handaari woya worraleeni waan d'ed'eera.
Ammalle nama lafa tana keesa jiru tokoleeni Aabbo injed'ina; wonti akanatiifi isani Abba toko ch'alla qabdani, ka gubba jiru.
aka isani ilmaani Abba keesani ka gubba jiru taatani. Inni adu nama hamamafi dadansale baase, bokayale nama d'ugatiifi nama d'arale rooba.
Yo Waaqa kad'achaafi agabdani, fuula iyakatiina, aka worra kiyyiba. Worri fuula yakata, aka agabu worraa nami argu. D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Worri suni gati ufi ya argate.
Aki kad'atani akana: Aabbo keenna ka gubba jirtu, maqa kanke qulqullo ha guddisani;
Biyyiti waan kana arginaani sodaate, Waaqa ka jabeenna akana kana namaa kenne guddifte.
Yesoni waan jed'eeni, Hojja kad'attani waan jettani, Aabbo, maqa kanke qulqullo ha guddisani; finni kanke ha d'ufu
Maro waan kanatifi Abbaani kiyya inguddifama, waan isani mid'aani guddo baaftaniifi; akasiini isani jara kiyya taatani.
Dira Yafa keesa, niiti d'ugefatte tokoti jira, ta Tabitha jed'ani, yokhaani Dorkasi, akasi jechaani Guguufto jechu. Niitiini tunini waan dansa heddu tolchite hori hiyyeeyi kennite.
Herega isaa ka d'ossa mullisaniti, inni gadi jed'e Waaqa kad'ate waan jed'u, Waaqi d'uguma arma isani woliini jira.
Hujiini teesani tunini d'ugefacha teesani agarsiifti, tanaafi nami hedduuni Waaqa guddisa, waan isani akuma d'uga Odu Dansa ta Kristo jaalattani guuttaniifi, ammalle waan isani arjoomtani worraafi nama d'ibile geetaniifi.
Tanaafi maro tiyyaafi worri Waaqaa gaalata deebise.
Nu uumama Waaqaati, ammalle Kristo Yeso keesa inni ya nu uume, aka huji dansa ta inni herege nu kurfeese ke teennu.
Isanumanu duri dukana keesa jirtani, ammo haga gumi Aabbo taatani, ifsa ke jirtani. Tanaafi aka nama ifsa keesa jiru tahu maltani.
Isani jabeesine, isani qarqaare, jireenna Waaqa isani yaame finnafi jabeenna isaa isanii qoodu gammachiisu, keesa taa jenne.
ammo isiini huji dansa aka nad'eeni aada beetu ha hojattuuti.
ammalle duri huji dansa hojatte gurra dansa qabaachu malte: niiti ijoolle ufi aka dansa guddifatte, keessuma gololchite, miila gumi Waaqa d'it'e, nama gaargala qabu qarqaarte, ufi baafte, huji dansa ch'ufa hojatte ha taatu.
Akasuma huji dansale yoosu argani, ta guddo imullannele dandaani ind'ossani.
Waan dansa tolcha jed'iini, Huji dansaani durooma jed'iini, Arja taha, waan qabdani namaa qooda jed'iini.
Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.
Atini akheekha huji dansa waan ch'ufa keesati worraa tahi. Barsiisa tante jabeesi, aka dansa barsiisi.
Biyya teenna aka huji dansa tolchani aka waan fed'ani argatani barsiisi, ufuma intataiina jed'iini.
Ammo naasufi jaalalti Waaqa Qarqaarsa keenna mullannaani,
Waan woli herenna, wolqarqaarra, woljaalanne, waan dansa woli tolchina.
Adabi keesani gara worra Waaqa imbeenne ha dansa tahu, aka yo worri hameenna isani himate, huji teesani dansa argani, duuba Guyya d'ufiisa Waaqa isa faarsani.
Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.
Akasuma isani nad'eeni, d'iirsole teesani ch'eera, aka yo d'iirsoleeni gari dubbi Waaqa ind'ugefannele, adabi keesani Waaqati worra deebisu. Duuba ato isani nami tokoleeni woma injed'iini,
Qalbi teesani qulqullefad'a, aka yo isani arabsani nami maro isani adaba dansaani Kristo gula yaataniifi hameenna isaniti dubbatu ch'eeru.
Nami wo barsiisu ha dubbuma Waaqaa barsiisuti; nami hojatu ha jabeenna Waaqi kennufiini hojatuuti; aka waan ch'ufa keesati Waaqa faarsani, Yeso Kristo, ka guddinnaafi jabeenna haga hegeri qabu keesa. Amini.
Ayyaana keesani yo maro maqa Kristotiifi isani arabsani; wonti kunini aka Lubbuuni Waaqa, ta guddinna, gara keesani d'ufte agarsiifti.