14 Isani ifsa lafaati. Diri gaara gubba jiru indaatu.
Karaani worra d'ugaa akuma biiftu ganama ifsa, ta haga lafti guyyatuti ifsuma ifsitu.
AABBO Waaqi guddaani waan jed'e, Yerusalemu ta anini jiddu lafa ch'ufa kae, lafti d'ibiini marsite laali.
Ato ifsa qabdanu, ifsa suni d'ugefad'a, aka ilmaani ifsaa taatani. Yesoni waan kana dubbannaani kae worra duraa d'okhate.
Yohanani ifse bobeete ifsitu, isani haga bulti diqo ifsa isatiini gammadu feetani.
Yesoni ammalle dubbate waan worraani jed'e, Anini ifsa lafaati. Nami na gula d'ufu dukana keesa indeemu, ammo ifsa jireennaa argata.
Anini haga lafa keesa jiru ifsa lafaati.
Nama ind'ugefatiinini haga taka inhojatiina, wonti suni intaatu. D'ugaafi wollaali wahela woli tahu indandaa? Ifsaafi dukantileeni woliini taati? Hiyyo.
aka ijoolle Waaqa dadansa, ta wollaalafi ch'ubbu inqamne, ammo ta d'aloota hamafi ka daba keesa teteetu. Aka urjiini gubba ifsitu jiddu worrati ifsa,
Isaniini ch'ufti worra ifsa, ka guyyaati. Nu ka halkanitiiniti yokhaani ka dukanaatiiniti.
Wonti mama ta urji torbaani atini mirga kiyyaa gartuufi ta ifse torbaanileeni tana: urjiini torbaani suni malaika gumi torba, ifseeni torbaani sunileeni gumi torba.
Aka guddo jidde qaabad'u, daba iraa deebii, waan duri hojatte hojad'u. Yo daba iraa deebiu baate, anini d'ufeti ifse tante fulla isiiti fuud'a.