6 waan jed'eeni, Yo atini Ilma Waaqa taate, arma ufi gadi d'iisi, wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Inni malaika ufi sii baasa, isiini harka isitiini oli si qabdi, aka d'akhaani miila kanke ind'oomne.
Atini isaafi worra isaatiifi waan inni qabu ch'ufa jabeesite intissine? Atini huji harka isaa ch'ufa eebifte, hori isaa lafa ira indabarsine?
Oobruuni atini qotatuleeni d'akha inqabdu, bineensi alalleni deebie si inhad'u.
aka jaba isa qorqorate lafe isa tokole ch'abu d'owa.
Malaikaani AABBO Waaqa, nama isa sodaatu eedde, gaargala keesaa baafti.
Ammo Yesoni waan jed'eeni, T'aafiini waan jettu, Nami qit'a ch'allaani injiraatu, ammo dubbi afaani Waaqa keesaa baate ch'ufaani jiraata.
Dubbini tuni mama inqabdu! Sheet'anileeni ufi jijire ergattu ifsaa ufi tolchu indandaa!
Malaikaani maani re? Worri lubbu Waaqaa hojattu, ammalle isati worra erga, aka worra baafama argatu qarqaartu.