10 Jennaani Yesoni waan jed'eeni, na biraa deemi, Sheet'ana t'aafiini waan jettu Aabbo Waaqa kanke ch'alla guddisi isuma ch'alla hojad'u!
Sheet'ani kae worra Israeli gaargalchu fed'e jennaani, d'ufe Daudi sobe worra Israeli hedi jed'eeni.
Duuba AABBO Waaqi waan Sheet'anani jed'e, yoosi anini amma isa siti lakisa, waan isaa ch'ufa waan feetu tolchi, ammo nafa isaa hanqad'i. Jennaani Sheet'ani kae, AABBO Waaqa biraa deeme.
Guyyaani malaikaani AABBO Waaqaa durati mullattu geennaani, Sheet'anileeni worra woliini d'ufe.
Guyyaani malaikaani AABBO Waaqa durati mullattu ammalle geennaani Sheet'anileeni worra woliini d'ufe.
Dubbi nyaapa kiyya nama hammaati geesi, duuba ha nami isa jibbu artiti isa himatuti.
Duuba hojja isani naa, AABBO Waaqa, Waaqa keesani kad'attani, anini isani eebise sagaleefi bisaani isanii kenne fayyad'aba keesanile isani fayyisa.
Duuba waan isani harkaani boch'ani kad'atani, ta qarsifi worqiini mid'aasani, aka waan t'uri qabaati gadigatani waan jettani, Na biraa bada, nara fagaad'a!
Ammo Yesoni garagale waan jed'eeni, Na biraa deemi, Sheet'ana; atini na gufachiifta, heregi kanke ka nama male ka Waaqatiiniti.
Inni bulti afurtama diida keesa tae, Sheet'ani isa ilaalate. Inni bineensa ala jiddu tae, malaikaani d'ufte isa qorqoratte.
Inni waan jed'eeni, Anini Sheet'ana aka angaasu gubba gadi buu arge.
Guddinni Sheet'ana, yo inni gargari qoodame, akamiini ejata? Isani, Atini jinni jabeenna Beelzebulitiini baafta naani jettani.
Jaartiini tuni, ta dubra Abrahamu, ta Sheet'ani ganna kud'ani saddeeti hid'e, guyya Sabato hid'aansa kana keesa bahu himmalle?
Jennaani Sheet'ani Yuda ka Iskariote jed'ani, ka jara kud'ani lama kaani keesa jiru, seene.
Simoni, Simoni, ilaali, Sheet'ani, akuma dargaye hafarsani ya aka isani hafarsu kad'ate argate.
Yesoni waan jed'eeni, T'aafiini waan jettu Aabbo Waaqa kanke ch'alla guddisi, isa male nama d'ibi inhojatiini.
Akuma Yudani qit'a fud'ateeni, Sheet'ani isa keesa seene. Duuba Yesoni waan jed'eeni, Waan tolchu feetu hurrisi tolchi.
Atini ila worraa bante, dukana ira gara ifsa worra deebifta, ammalle jabeenna Sheet'ana iraa Waaqati worra deebifta; aka d'ugefacha worri na d'ugefateeni daba worraa araaramaniifi, gumi Waaqi fohate keesati fulla argatani.
Petroni waan jed'eeni, Anania, Sheet'ani maafi garaa kanke keesa seene, atini Lubbu Qulqulloti kiyyibde, hori argatte gama toko hambifatte?
nafa nama kana Sheet'anati kenna aka balleesani, yoosi lubbuuni isaa Guyya Aabbo imbaafamti.
Wolind'owatiina yo haga diqa toko, aka Waaqa kad'atani wold'agetani, ee woliini jettani male, ammo eegi suni huji teesani ta d'iirsaa nitii guuta, aka ufi qorqorti d'abdani akasiini ilaalacha Sheet'ana keesa imbuumne.
Dubbini tuni mama inqabdu! Sheet'anileeni ufi jijire ergattu ifsaa ufi tolchu indandaa!
Ammo aka ufi guddisu na d'owani maro waan dansa ka anini argeetiifi, nafa kiyya keesa qoraatiini na woraante; wonti na d'ukubse suni aka ergattu Sheet'ana taate na gaargalchite ufi guddisu na d'owarte.
aka Sheet'ani nu indabsanne; wonti akanatiifi nu malte isaa imbeenna.
AABBO Waaqa keesani sodaad'a, isuma ch'alla kad'ad'a. Isa biraa indeemina, maqa isaa ch'allaani kakhad'a.
Tanaafi Waaqa sodaad'a, Sheet'ana dida, yoosi isani bira baqata.
Duuba Yoshuani ammalle waan jed'eeni, AABBO Waaqa sodaad'a d'ugaafi garaa tokooni isa hojad'a. Waaqoota d'ara ka ababooti teesani duri galaana Frati gammafi lafa Misiri keesati kad'atte d'id'imati d'aa, AABBO Waaqa ch'alla hojad'a.
D'ugefacha teesani jabeesa, isa dida; isani imbeetani, aka nami aka keesani d'ugefate, lafa ch'ufa keesa, akuma keesani gaargalu jiru.
Samueli waan worra Israelitini jed'e, Hojja isani AABBO Waaqati garaa keesani ch'ufaani ka deebitani tatani, isani waaqa worra gosa d'ibitifi akheekha waaqa Ashtorethi ufiraa balleesu maltani. AABBO Waaqati ufi kenna, isuma ch'alla kad'ad'a, duuba inni harka worra Filisti keesaa isani baasa.