6 Qaaloleeni gugurdooni hori kaani lafaa guurte waan jette, Horiini kunini hori d'iigaati, aki hori Mana Waaqatiini wolti darani fullaaniti jed'ani.
AABBO Waaqi waan jed'u, Anini d'uga jaalad'e dabaafi ch'ubbu jibba. Anini d'uga gula gumi tiyyaa woi kenne wold'aqisa jiru jireenna worra woliini tolfad'a.
Balloota, nama dura yaatu! Tiite aanani keesaa fud'attani, ammo gaala liqimsitani!
Yudani hori kaani fulla sorio iti qalani jisse d'aqe t'ururaani ufi ijeese.
Eegi wolmariatani, lafa toko ta Ogeesa Okote Faara jed'ani bitani lafa keessuma iti awaalani tolchani.
Ammo isani waan jettani, Yo nami abbaafi haad'a isatiini, Waan isani sila nara argattani Korbani jed'e (akasi jechaani Waaqaa kennani jecha),
Jennaani ganama Yeso fulla Kayafati fuud'ani, gara mana Praitorio jed'ani geesani. Tatule worri ufi mana Praitorio oliinduunne, aka akasiini aada ufi dura yakani sagale Pasaka ind'amne.
Ammalle beese kara sharmut'oma kanaani argatani Mana AABBO Waaqa keesani d'uftani, waan kakhatani Waaqaa baaftani tolchitani imbaasina. AABBO Waaqi sharmut'oma akana kana guddo jibba.