52 awaali baname, worri Waaqa ka due ka gari jireennati deebie.
Gaafa toko ka nama toko awaalu jirani duula worra suni argani jennaani, biyyiti reefa suni awaala Elisha keesa buufte, kaate biraa baqate. Reefi sunini akuma lafe Elisha tuqeeni jiraate, namichi kaani kae oli eje.
AABBO Waaqi dua haga jiru jireenna balleese, nama ch'ufa imimaani ira haaqe, ch'eera lafa ch'ufa keesati gumi isaa qabate iraa fuud'a. Dubbi tana AABBO Waaqati jed'e!
Worri keenna ka duri due injiraata, reefi worraa inkaa. Nami due awaala ufi keesa jiru ch'ufti kae gammadaani sirba. Akuma fit'eesi lafa godde jiisu, akasuma AABBO Waaqi nama duri due kaasa.
Nami hedduuni ka qara due inkaa: ka gari jireenna ind'umanne argata, ammo ka gari ch'eera ind'umanne argata.
Anini gumi tana boola nama due keesaa baasa? Yokhaani duu d'owa? Ee duisa, gaargali kanke me? Ee boola, had'aani tante meeti? Anini iti deebie worra kanaa innahu.
Waan kana jennaani inni waan worraani jed'e, Jaali keenna Lazaroni hirrafa, ammo anini hiriiba keesaa isa kaasu d'aqa.
Jennaani inni jilbifate qonqo olfud'ate waan jed'e, Aabbo, ch'ubbu tana worrati inheregiini. Eegi waan kana jed'e due.
Maro waan kanatifi isaniini hedduuni fayyaa d'abdani laaftani, hagi tokoleeni raawattani.
Ammo dubbini d'uga tana — Kristo ya duisa keesaa kaasani, inni worra due keesa nama qara ka duisa keesaa kaasani.
Waan d'ossa kana ch'aqasa: nuuni ch'ufti indoonu, ammo nu jijirani, maro tokotu,
Nu aka Yesoni due kae d'ugefanna; tanaafi aka Waaqi worra d'ugefate ka duele isa woliini d'ufuuni ind'ugefanna.
Inni maro teennaafi due, aka nu isa woliini teennu, ato gaafa inni d'ufu nu jiraanne yokhaani doonele.