6 Jari isaa qonqo tana d'ageennaani guddo sodaate fuula lafati deefate jige.
Daudini malaika goraade qabdu, ta kurfo jirtu aka Yerusalemu balleesitu, gubba qilleensa keesati arge. Jennaani Daudifi jaaroleeni Israeli, ta worri ch'ufti ch'arqi naqatu, lafati gajejed'ani addaani lafa tuqani.
Jennaani anini bale suni d'aqe, achiti guddinna AABBO Waaqaa, akuma anini qara d'aatu galaana Kebariti arge kaani arge. Duuba anini jige addaani lafa d'ae,
Daayyani tunini daayya anini gaafa Waaqi Yerusalemu balleesu d'ufefi ammalle ta anini d'aatu galaana Kebariti arge taani fakaati. Jennaani anini isa durati lafa d'ae.
Gabrielini d'ufe na bira eje, jennaani anini mudame lafa d'ae. Inni waan nani jed'e namicha, waan daayyani d'ooftu hubad'u. Daayyani waan gaafa muumme lafti taatu d'oofti.
Jennaani AABBO Waaqi ibida gubba gadi erge, ibidi suni sorio gubanifi gabbinna waan mesa fakaata gubba jiru ch'ufa gube, Biyyiti waan suni garte jennaani lalabde lafati gajejete.
Ato inni dubbatu, dumansi adiini toko worrati golle, qonqooni dumansa keesa waan jette, Kunini Ilma kiyya ka anini jaalad'u, ka na gammachiisu, dubbi isaa ch'aqasa jette.
Ammo Yesoni d'ufe, worra tuqe waan jed'eeni, Kakaa, insodaatiina!
Anini lafati jige, qonqo toko d'agaye ta, Saulo, Saulo, maafi naa gaargalchita? naani jettu.
Nuuni ch'ufti lafati jinnaani anini qonqo toko ta afaani Ebraniatiini naani dubbatu d'agaye, ta Saulo, Saulo maafa na gaargalchita? Atini ka aka qotiyo ule nama oofu d'iitu, teete, d'ugaa d'iitu ufuma ufi balleesita naani jettu.
Nu qonqo tana ta gubba gadi buutu d'ageenne, gaafa nu isa woliini gaara qulqullo gubba jirru.
Ato arabi ibida d'akha ira olbahu, Manoafi niitiini isaa malaika AABBO Waaqa ta araba ibida keesa gubbati oldeemtu argani. Jennaani Manoani aka nami suni malaika AABBO Waaqaa hubate, isaafi niitiini isaa lafati gogombifamani; duuba deebiani malaika taani inargine.
Manoani waan niiti isatini jed'e, Nu arra ira inhamnu, eegi Waaqa argine!