D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami garaa nad'eeni keesaa bue tokoleeni ka Yohana nama batisu ira jiru injiru. Ammo nami Finna gubba ch'ufa keesa ira maand'a isa ira jira.
Waan maqaani Yeso fulla ch'ufa gaheefi, hayyu Herodeni waan kana d'agaye. Nami gari waan jed'e, Yohanani ka nama batisu la duisa keesaa kae jed'ani, tanaafi inni waan mama kana tolcha.