54 lafa ufi d'aqe, Mana Waaqa iti kad'atani keesati nama barsiise. Nami isa ch'aqase ch'ufti maadefate waan jed'e, Namichi kunini qalbi tanaafi humna waan mama kanaani tolchu eesaa argate?
Anini waan atini tolchite gosa tiyyati hime gumi isaani durati si faarsa:
deeme dira Nazareti jed'aniti qubate, aka wonti duri raagooti jette guutamtu, ta isaani nama Nazarayo jed'ani jettu.
Yesoni Galilaya ch'ufa keesa dedeeme Maneeni Waaqa iti kad'atani keesati nama barsiise, Odu Dansa ta Finna odeese, d'ukubafi miid'ama gosa ch'ufa nama fayyise.
Yesoni dubbi tana barsiimnaani, nami ch'ufti guddo waan barsiisa isaa mame.
Nami isa d'agaye ch'ufti beekhumafi jecha isaa guddo maadefate.
Inni lafa ufiti d'ufe, ammo gochi isaa isa dide.
Jennaani Paulofi Barnabani garaa jabaatani waan jed'ani, Dubbi Waaqa qara isaniti hasau malani. Ammo maro isani diddani jireenna hegeri ka isanii male argachu dad'abdanifi nu gara gosa d'ibii d'anna.
Jaaroleeni kora jannooma Petrofi Yohana arginaani, ammalle aka worri woma insoomiini hubannaani mamte, aka worri Yeso woliini tae beekhani.
Biyyiti duri isa beetu waan inni tau jiru argite jennaani waan woliini jette, gurbaani Kishi maani tahe? Sauloni ya raaga tahe?