41 Ilmi Nama malaika ufi erge, isiini Finna isaa keesa waan daba ch'ufaafi worra hameenna tolchu ch'ufa wolti guurte,
Nami Waaqa imbeenne akuma qorati alati gadigargatani jira, nami torkoleeni dandae harkani inqabatu.
namafi bineensafi simpirrefi qurt'umile. Anini worra ch'ubbu gaargalche badi itiini d'ufa. Ammalle nama ch'ufa balleesa, tokoleeni ka hafu injiru. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Eegi tanale akasuma taati: malaikaani d'ufte nama hamamafi dadansa gargari baafti.
Gaargala lafati, maro wonti nama gufachiisa hedduuni jirtuufi. Wonti akana kunini hojja ch'ufa injirti, ammo gaargala worra waan kanaani d'ufeeti.
Magalata gudda d'aani, inni malaika ufi moga lafa afraaniti erga, gumi inni fohate haga muumme tanaafi haga muumme suni woltiguurani.
Hafareeni isaa harka isaa keesa jirti. Oobdi ufi inqulqulleesa, dargaye wolti qabe khod'oti naqa, ammo qola ibida haga jiru ind'aamneti naqa.
Yeso waan jed'eeni, Geedalti goda qabdi, simpirreleeni mana qabdi, ammo Ilmi Nama fulla mata ufi keyatu inqabu.
Inni malaika erge nama inni fohate gama ch'ufa wolti guura, haga muumme lafatiifi ta gubba ch'ufa.
Duuba Odu Dansa anini odeesu gula, wonti kunini guyya Waaqi, maro Yeso Kristotiifi, waan garaa nama keesa jiru qoru taati.
Malaikaani maani re? Worri lubbu Waaqaa hojattu, ammalle isati worra erga, aka worra baafama argatu qarqaartu.
Ammo wonti t'uri qaba tokoleeni keesa inseentu, yokhaani nami waan ch'eera tolchuufi ka d'ara dubbatuleeni. Worra maqa isaani kitaaba jireenna ka Ilme Hoola keesati t'aafani ch'allati seena.