Hayyichi Israeli tatabe suni soome jennaani laalefate, woya tatarsaase waan jed'e, Hayyichi Shamu akami nama kana fayyisi nani jed'a? Inni Waaqa na seha, ka nama ijeese yokhaani jireesu? Wonti kunini aka inni dubbi naraa barbaadu diiduma keesa garsiifti.
Nama d'ukuba qabu fayyisa, ka duele kaasa, ka qomaat'a qabule fayyisa, jinnile nama keesa baasa. Gati male isanii kennani isanileeni gati male namaa kenna.
Lubbuuni Aabbo na gubba teeti. Inni ya na muude aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeesu. Inni ya na erge aka worra hid'ani waan hiikhaansa himu, aka ballaleeni lafa argu, aka nama gaargalchani gaargala keesaa baasani,
Ammo yo anini tolche, yo na d'ugefachu baatanile, huji suni d'ugefad'a; aka isani aka dansa hubatani baratani, aka abbaani na keesa jiru, ka anileeni abba keesa jiru.