16 Kuno, anini aka ilmoole hooliye jiddu yaiti isani erga. Tanaafi aka bofa qaro taha, ammalle aka sabaliisa nagayaani taa.
Duuba bineensa AABBO Waaqi uume ch'ufa keesa bofati ira malticha. Waan inni niitiini jed'e, Ila, d'uguma Waaqi, Mukha oobru tana keesa jiru tokole inyaatina isaniini jed'e?
AABBO Waaqi waan niitiini jed'e, Wonti atini taate kunini maal? Niitiini waan jetteeni, Bofati na sobe jennaani nyaad'e.
Tanaafi anini goraadeefi woraanafi t'iya biyyaa kenne, worra worraani naabo duuba d'aabe, Fulla inhobaini ch'ufa duuba ejaanja, nama eega, jed'eeni.
Ammo Gedaliani waan jed'eeni, Lakisi, akasi intolchini, wonti Ishmaeli ka atini jettu d'ugaaniti!
Israeliini aka sabaliisa jirti, ka aka daalle fulla ch'ufa ka inteenne maru; qara lafa Misiri qarqaarsa fed'achu d'aqani, ammo eege Ashuru d'aqani!
Me, anini waan kana ato guyyaani ingahiini ya isaniti hime.
Hojattuuni d'ugatiifi qarooni tami? Inni ka abbaani isaa gudda hojattu ch'ufaa tolche, aka sagale hojja saatiini geetu kennuufi.
Shani qaro, taani gowoota.
qarooni taani waan d'ad'a iti naqani d'ad'a guute fud'atte.
Qarooni taani waan jetteeni, Hiyyo, wolti nu ingahu, beena bitad'a.
Kara qabad'a, anini aka ilmoole hooliye yeyi keesa isani erga.
anati afaanifi qalbi isanii kenna, ta nyaapi keesani tokoleeni dandae morkeeni intufanne.
Anini imbeekha aka eegi anini deeme, yeyiini hamtuuni jiddu teesani d'ufte hooliye fit'u.
Herega keesani keesa aka ijoolle intahiina, oboleyaani tiyya; waan hameennati ijoolle taha, ammo herega keesani keesati nama gudda taha.
Wonti nu ufi guddimnuufi tana: heregi keenna aka dansa nu beesisa, aka lafa tana keesa, keesuma jiddu teennaafi teesani, nu garaa tokooni d'uga Waaqi nu kenneefi eeba Waaqaatiini teenne, ammo qalbi namatiini inteenne.
Dubbini tuni mama inqabdu! Sheet'anileeni ufi jijire ergattu ifsaa ufi tolchu indandaa!
Anini insodaad'a; hegeri qalbiini teesani hamaatte jaalala Kristo qulqullo lakiftani — akuma bofi Hawai malteeni sobe.
Nu guddo ufi qorqoranna, aka nami tokoleeni haga nu hori baasani kana harkaa qamnu nu inhimanne.
aka ijoolle Waaqa dadansa, ta wollaalafi ch'ubbu inqamne, ammo ta d'aloota hamafi ka daba keesa teteetu. Aka urjiini gubba ifsitu jiddu worrati ifsa,
Maro waan kanatifi nu haguma waan keesani d'ageenne Waaqa isanii kad'anna. Nu Waaqa kad'anna, aka inni fed'i ufi aka dansa isani barsiisu, hubachaafi qalbi Lubbuuni isaa namaa kennitu ch'ufaani.
Qalbefad'a, worra d'ugefacha inqamne dura adabaani yaa, qoomni argattani ch'ufa imballeesina, woiini tolcha.
Isani nu d'uga, Waaqileeni nu d'uga: adabi keenna isani worra d'ugefateti qulqullo qajeela, wollaalale inqabu.
hameenna aka ch'ufa lagad'a.