10 karerisafa, ubaara d'ibifa, kopefa, ulele imfud'atiina. Hojattuuni waan maleefi argachu malte.
Isanifi worri keesani waan hafe suni fulla feetaniti nyaad'a wonti akanatiifi wonti suni waan isani huji teesani ta Waaro Woyyumatiifi argattani.
Ollafi dira ka seentanifu, nama dansa barbaada, haga yaataniti isa woliini taa.
waan jed'eeni, Imaltu teesani keesa, ule male, woma tokole infud'atiina: qit'afi subba beese iti kad'ataniifi beesele infud'atiina.
Inni waan jed'eeni, Abbaani kooti lama qabu nama tokole inqamne ha kennu, ammalle ka sagale qabuleeni akasuma ha tolchu.
Inni waan worraani jed'e, Woreega karaa imfud'atiina, ulele, subbale, qit'ale, horile, kooti lamale imfud'atiina.
Yo d'uftu, kooti kiyya ka anini Troa keesa mana Karpoti lakise na kootiini; kitaaba ch'ufaani kooti, keesuma tatabe gogaa.
Jennaani inni ule reeni tissu fud'ate d'akha qulqullicha shani bisaani yaa keesaa fuud'e, ukha keesa naqate, gulluba ufi fud'ate, Goliathi, fuula keesa deeme.
Sauloni waan jed'eeni, Yo gara isaa yaane maani dandeenne kenninafi? Sagaleeni tokoleeni subba keenna keesati inhamne waan isaa kenninu woqamna?