Jara worraatiifi jara Herode woliini Yesoti ergani waan jed'ani, Aabbo, nu imbeenna aka atini nama d'uga, atini waan Waaqi nama ira fed'u akuma d'uga barsiifta; waan nami jed'ule iyaaltu.
Worri d'ufe waan isaani jed'ani, Aabbo, nu imbeenna aka atini nama d'uga, ka guddinna nama iyaalle; wonti akanatiifi atini fuula nama inilaaltu, ammo kara Waaqa akuma dansa nama barsiifta. Aki Kaisari damoosa baasani fullaa mo fullaaniti?