14 Dabdichi ka hori dansa sorio suni male ree ufii keesa qabu, ka hori sorio himmalle naa baase, ha abaaramu. Wonti akanatiifi anini hayyu gudda, ka lafafi nami ch'ufti d'eetu.
Yo isani hori ballaafi naafa, yokhaani ka fayya inqamne, sorio naa d'uftaniini, isani waan suni dansaa seetani? Yo isani hori akasi gudda lafa teesaniti kennitani, inni ingammada? Yokhaani inni waan isani feetani isanii intolcha?
Yo isani dubbi seera, ta kitaaba kana keesati t'aafani, jabeesitani guutu diddani, ammalle maqa jaba ka AABBO Waaqa keesani ka guddisani ulfeesani sodaachu diddani,
Ammo nama daafanafi kiyyibafi hamafi nama nama ijeesufi algalaafi ka murma baafatufi ka waan harkaani boch'ani guddisuufi ka nama sobu, fullaani worraa galaana ibidaati, ka duisa lameeso.