Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Malaki 1:11 - KITAABA WAAQA

11 Maqaani kiyya, gosa ch'ufa durati, ka haga muumme lafa tana eje taaniti eju, inguddata. Ammalle fulla ch'ufa maqa kiyyafi hit'aana aarsani sorio qulqullo baasani. Wonti akanatiifi maqaani kiyya gosa ch'ufa durati gudda.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Malaki 1:11
65 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

AABBO Waaqi gudda, isa guddisani faarsu malani; Waaqa ch'ufa ira isa sodaachu malani.


Inni gumi isaa balchoomse, wold'aqisa haga jiru jireenna woliini tolfate. Inni qulqullo ammalle jabeenna qaba.


Ilaboruti fuud'ani ila aduti d'aabani, maqa AABBO Waaqaa ha faarsaniti.


Worri maro waan atini tolchiteefi guddinna keetitifi si faarsa.


Kad'acha tiyya akuma hit'aana si aarsani fud'ad'i, harka anini si dura qabule aka sorio galgala fud'ad'i.


Faaruni tiyya tunini maqa kanke haga jiru jireenna badu d'owarte, haga hegerile nami ch'ufti si faarsa.


Nami fulla ch'ufati si faarsa, gurri kankeleeni fulla ch'ufa gaha. Atini d'ugaani nama fida.


Gumiini Sioni ha gammaddu! Atini qajeelumani dubbi qorta; dira Yuda keesati ha gammadani!


AABBO Waaqi guddaani dubbate, lafa ch'ufa ilaborutiifi ila adule yaame.


Atini bokaya ergite akasiini lafa qorqorate, sagale iti baafte mid'aasita. Laga bisaanini guute, lafale mid'aani iti baafte. Aki atini waan kana tolchitu akana:


aka lafti ch'ufti fed'i tante beete, gochiti ch'ufti baafama kanke hubatu.


Gochiti atini uumte ch'ufti d'ufte, si durati gajette, maqa kanke guddifti.


Guddinni waan maqa AABBO Waaqati malle jed'a; waan baasu maltani baasafi, Mana isaa keesa isaa duraani koota.


Guyyaani ind'ufa, ka biyyiti sirbite akana jettu: AABBO Waaqaa galata deebisa! Qarqaarsa isaa kad'ad'a! Waan inni tolche gosa ch'ufati odeesa! Aka maqaani isaa jaba biyyati hima!


AABBO Waaqa faarsa, inni yayu waan jabdu tolche. Waan kana lafa ch'ufati odeesa.


AABBO Waaqi worra Misiri ufi garsiise, duuba worrileeni isa hubate, isa yaamate, soriofi waan d'ibi isaa baasanini d'ufa. Ammalle worri isati kakhate kakhu suni guuta.


Me ilaala, jabeennaafi guddinni AABBO Waaqa fago mullachu jira. Ibidaafi aari dallansu isaa garsiise, hojja inni dubbatu dubbini isaa aka ibida wo gubdi.


Wonti anini akasi tolchufi, aka nami lafa keesa jiru ch'ufti, aka ana AABBO Waaqa male waaqi d'ibiini injirre, beekhu.


AABBO Waaqi guddaani ka si uume d'iirsa si tahe, Waaqi qulqullooni Israeli, ka lafa ch'ufa fidu, si baasa.


Ila borutiifi ila adule ch'ufa nami isa sodaate, nami ch'ufti maqa isaatiifi jabeenna isaale d'eeta. Inni akuma laga yau, ka qilleensi AABBO Waaqa yaasu, d'ufa.


Anini heregaafi huji worra imbeekha. Duuba anini d'ufe nama gosa ch'ufa wolti baasa. Worri yo wolti d'ufe, waan irreeni tiyya tolchu dandeetu arge,


Ee AABBO Waaqa, nami aka keeti lafa keesa injiru; atini gudda, maqaani kankeleeni gudda, ammalle jabeenna qaba.


Eenuti si guddisu dida, ee hayyu gosa ch'ufa? Guddinni waan sii male. Nami aka keeti tokoleeni lafa keesa injiru, nama qaqaro lafa ch'ufaatifi hayyootale keesa.


d'uga qabdani aka maqa kiyyaani kad'attani. Duuba gochiti ch'ufti, Nuu eebisi nani jette na faarsiti.


Atini d'akha nami indarbini, ka fiit'e d'akha d'ibi iraa ch'ee, akheekha sibiila guraachafi sibiila diimafi faarafi qarsifi worqiini mid'aasani d'ae agarte. Ee hayyicha, Waaqi guddaani waan taka tana taha si garsiisuu jira. Anini waan atini oobjateefi waan isiini d'ooftule ch'ufa, ka diqole iraa ingorini, ya siti hime.


aka akanaani worri Israeli lafa Edomu ta hafteefi lafa d'ibi ta duri nama kiyya dabsatte fud'atu. Nami akasi jed'e AABBO Waaqa, ammalle waan kana isumati tolcha.


Inni gaafa d'ufu jabeenna AABBO Waaqatifi guddinna isaatiini gumi ufii tissa. Gumiini isaaleeni nagayaani teeti, waan nami lafa keesa jiru ch'ufti guddinna isaa beekhuufi;


AABBO Waaqi worra sodaachiise, waaqoota worrale waan woma keesa injirre tolcha. Duuba gochiti ch'ufti lafa ufi keesati isa durati gajette kad'ati.


Duuba anini qalbi nama gosa ch'ufa garagalche qulqulleesa, aka worri maqa AABBO Waaqa ch'alla yaamate garaa tokooni isaa hojatu.


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini gumi tiyya ta boojiani lafa d'ibi geesani baase,


Dabdichi ka hori dansa sorio suni male ree ufii keesa qabu, ka hori sorio himmalle naa baase, ha abaaramu. Wonti akanatiifi anini hayyu gudda, ka lafafi nami ch'ufti d'eetu.


Inni aka nama qarsi basse qulqulleesu tahe, ilmaani Lawi aka worqifi qarsi basse qulqulleesa, haga isiini waan AABBO Waaqaa baasu malani baaftuti.


Tanaafi fulla ch'ufa yaa, gosa ch'ufa nama kiyya tolcha: maqa Abbaatiifi ka ilmaatiifi ka Lubbu Qulqullotini aada batiso namaa kenna,


Me ilaala, nami hedduuni mirga bitaa d'ufe Abrahamufi Isaaqofi Yakobo woliini Finna gubba keesa taani.


Nami ch'ufti alati kad'achu jira, hojja inni hit'aana aarsu jiru suni.


Tanaafi oboleyaani tiyya maro naasu Waaqa guddotiifi anini isani kad'ad'a; aka sorio jirtu Waaqaa ufi baasa huji isaa hojad'a isa gammachiisa. Tunini aada d'ugaa ta isani tolfachuu maltani.


hojattu Kristo Yeso aka gosa d'ibi keesa hojad'u na tolcheefi garaa jabaad'e. Anini Odu Dansa ta Waaqa biraa d'ufte aka qaallu odeesa, aka gochiti d'ibiini sorio Waaqi fed'u taatu, ta Lubbuuni Qulqullooni kurfeesiteefi.


Tatabeeni aka isani waan kana ch'ufa naa kennitani agarsiiftu tana isiini waan guddo! Anini waan fed'u ch'ufa ya argad'e, maro Epafroditoni waan isani ergitani ch'ufa naa d'ufeeniifi. Wonti kunini aka sorio urgooftu ta Waaqaa baasani jirti, ta inni fud'ate gammaduuni.


Kara kanaani maqaani Aabbo keenna Yeso guddinna isani ira argata, isanileeni isa ira argattani, eeba Waaqaatiifi ta Aabbo Yeso Kristotiini.


Anini nama ch'ufa ka fulla ch'ufati Waaqa kad'atu fed'a, nama Waaqa jaalatu ka dalansufi wolmormiti male harka olqabate kad'atu.


Jennaani malaikaani torbeeso magalata ufi d'oofte, qonqooni guddooni gubbaa baate waan jette, Jabeenni lafaani fidani amma ka Aabbo keennatiifi ka Kristo isaati, inni haga hegeri fida.


Eennuti sii insodaanne Aabbo? Eennuti maqa kanke inguddimne? Si ch'allati qulqullo. Gochiti ch'ufti d'ufteti si guddiftu. Maro huji tante ta d'uga, ta nami ch'ufti arguutiifi.


Isiini akasi tolchinaani wonti lubbu qaba afraani kaanifi, jaaroleeni diddami afuri taani Ilme Hoola durati jidde. Worri ch'ufti kiraarifi qori hit'aana ta kad'acha gumi Waaqa harka qaba.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ