4 Mana olduuddani ch'ufa achuma tataa haga kaatani yaataniti.
Ollafi dira ka seentanifu, nama dansa barbaada, haga yaataniti isa woliini taa.
Ammalle waan worraani jed'e, Hojja mana nama toko olduuddani, arti tataa, haga achi yaataniti.
Inni waan worraani jed'e, Woreega karaa imfud'atiina, ulele, subbale, qit'ale, horile, kooti lamale imfud'atiina.
Nama isani inulfeesiini, yo dira suni keesaa kaatani, awaara miila iraa d'ad'aad'a, aka akheekha worraa taatu.
Worra ufi ch'ufa woliini batiso argannaani waan nuuni jette yo isani aka anini Aabbo d'ugefad'e agartani, mana kiyya koota achi taa, jette nu sobate.