Tanaafi gurri isaa lafa Shamu ch'ufa gahe, nama d'ukuba qabuufi ka fayyad'abaani gaargale, ka jinni qabu, ka gagabdufa, ka naafatele isatiini d'ufani, inni worra ch'ufa fayyise.
Anini Yahudi, dira Tarso keesati d'alad'e, ka Kilikia keesa jiru, ammo anini dira kana keesa Gamalieli jalati guddad'e. Aada Seera ababoota teenna ch'ufa akuma d'ugaa na barsiisani kara Waaqaa owise iti jabaad'e, akuma isani guyya kana tolchuuti jirtani kana.