16 Nami ch'ufti bakhakhe Waaqa faarse waan jed'ani, Raagi guddaani yayu jiddu teennaa gadibahe: Waaqi la gumi ufiti mullate.
Atini bokaya ergite akasiini lafa qorqorate, sagale iti baafte mid'aasita. Laga bisaanini guute, lafale mid'aani iti baafte. Aki atini waan kana tolchitu akana:
Biyyiti dubbi suni ind'ugeefatte, ammalle aka AABBO Waaqi worra Israeliti d'ufe gaargala worraa arge d'ageennaani, mataani lafati gajejed'ani isa guddisani.
Diri kunini gammadafi ulfinnaafi gurraani naa d'ufa; ammalle gochiti ch'ufti sodaate mudamti, hojja waan dansa anini worra Yerusalemuti tolcheefi hormaata anini dira sunitini d'ufu d'ageetu.
Tanaafi biyyiti duuda dubbatufi farra fayyufi naafa deemuufi balla lafa argu arginaani maadefatte, Waaqa Israeli guddifte.
Gumiini taani waan jette, Inni raaga Yeso jed'ani, ka Nazareti Galilaya keesaa d'ufu.
Jennaani hurrisani kaani, awaala kaani biraa yaani, guddo sodaatani, ammo gammada qabani, utaalani jara Yesoti himani.
Biyyiti waan kana arginaani sodaate, Waaqa ka jabeenna akana kana namaa kenne guddifte.
Ollaani ch'ufti sodaate, dubbini tuni haga lafa gaareeni Yahudi geete.
Aabbo Waaqi Israeli ha eebifamu: Wonti akanatiifi inni gumi ufi qarqaare baasu d'ufe.
Irreeni lafa si buusani, siifi ijoolle tantele, duuba d'akha kanke kana tokole woli irati inhambisani, waan atini guyya Waaqi d'ufe si baasu imbeenneefi.
Tissituuni deebite, maro waan ch'ufa ka d'ageete argiteefi Waaqa guddifte faarsite. Wonti ch'ufti akuma malaikaani worrati himte taate.
Inni, Waan akami? jed'eeni. Worri waan jed'eeni, Waan Yeso Nazareti, ka waan tolchanifi waan dubbatanileeni raaga gudda tahe Waaqafi nama ch'ufa duraleti.
Nami ch'ufti maadefate Waaqa guddise guddo sodaate, waan jed'ani, Arra waan mama la argine.
Simoni Petroni waan kana arginaani jilba Yesoti jige waan jed'e, Na biraa deemi, Aabbo, anini nama dabaati.
Namichi due kaani kae tae dubbate. Duuba Yesoni haad'a isaati kenne.
Jennaani namichi Farisayo ka isa gololche kaani garaa ufi keesati waan jed'e, Ato sila namichi kunini raaga tahe, aka niitiini isa tut'u tunini sharmut'atiifi nama daba imbeekha.
Jennaani nami ch'ufti ka arda lafa Gergesa keesa jiru Yesoni, Nu biraa deemi jed'ani, maro worri aka taka inargiini sodaateefi. Tanaafi Yesoni hobolo keesa seene iti d'aabate.
Worri waan jed'eeni, Nami gari Yohana nama batisu jed'a; ammo ka gari Eliya jed'a; ka garileeni, Raaga duri tokoti duisa keesaa kae jed'a.
Jennaani, Ati eennu re? jed'ani isa gaafatani. Atini Eliya? Inni waan worraani jed'e, Anini isaaniti. Atini raaga kaani re? Inni waan jed'eeni, Hiyyo!
Duuba Yohana gaafatani, waan jed'ani, Atini maafi aada batiso namaa kennita re, yo Kristofi Eliya yokhaani raaga kaani intahiini?
Niitiini taani waan jetteeni, Aabbo, anini aka atini raaga yayu arge.
Biyyiti akheekha inni tolche suni arginaani waan jette, Kunini d'uguma raaga ka sila lafati d'ufu male!
Ammalle namicha balla kaaniini maro lameeso waan jed'ani, atini namicha kanati ila naa bane jetta, amma waan isaa maani jetta?
Akuma waan kana d'agayeeni, Ananiani jige due; nami waan kana d'agaye ch'ufti sodaate.
Namichi gumi Israelitiini, Waaqi isanuma keesa raaga aka kiyya isanii erga jed'e Musa.
Tanaafi maro tiyyaafi worri Waaqaa gaalata deebise.
Fulla suni, inni raaga aka kiyya kana isanuma keesaa isanii, baasa; isaa ch'aqasu maltani.