30 Nama woi si kad'atu ch'ufaa kenni, ammalle nama wo sira fud'atu ira imbarbaadiini.
Inni arjomaani hiyyeesa woi kenne, dansumti isaa haga jirtu inhobaatu, inni irre horate, gurra dansa argata.
Ayyaana isaati ka hiyyeesaa nahu; hojja inni gaargala qabu AABBO Waaqati isaa qarqaara.
Nami hiyyeesa wo kenne ya Waaqa wo kenne, AABBO Waaqileeni waan inni kenne suni inuma deebisaafi.
Inni guyya kana ch'ufa woma d'ara ufi ch'alla tae herega, ammo nami d'ugaa woma nama ind'owatu, garaa tokooni wo namaa kenna.
Nami tolaani hiyyeesa sagale ufi qoodu, eeba argata.
Hori kanke fulla heddu olkeyad'u; wonti akanatiifi waan hamtu guyya toko lafa tana keesati siti d'ufa imbeetu.
Gaafa anini duri qarooma barbaade waan lafa keesati tolchani barachaa iti game, wonti anini hubad'e, ato nami halkani hiriba ufi d'owe taa bulele,
Duuba Yesoni waan jed'e, Abbaani kiyya ka gubbaleeni akasuma isani tolcha, yo isani ch'ufti garaa keesani keesati oboleyaani teesani inaraaramne.
Ammo waan anini isaniini jed'u, nama waan hamtu isani tolchu haalo infuud'iina. Yo boqo mirgiti si d'abanaasani bitatile iti garagalfad'u.
ch'ubbu teenna nuu araarami, akuma nuleeni nama nuti ch'ubbame araaramnu.
Ammo waan mudunufi qori keesa jira hiyyeeyii qooda, duuba wonti ch'ufti qulqullo isanii taati.
Waan qabdani gurgura, eebaani wo namaa kenna. Subba indulomane mid'aafad'a, hori gubba jiru ka inhobaamne olkeyad'a, fulla hattuuni iti ind'iaanne yokhaani fulla bilaachi imballeesine.
Yesoni akasi d'ageennaani waan isaani jed'e, Waan toko fitate; waan atini qabdu ch'ufa gurguri, hiyyeeyi qoodi, duuba hori gubba argatta, duuba deebii, na gula kooti.
Nama boqo toko si d'abanaasu tale dura qabad'u; nama woya tante sira fud'atu kootile ind'owiini.
Akuma aka nami waan dansa isani tolchu feetani, akasuma namale waan dansa tolcha.
Wa namaa kenna, Waaqileeni isanii kenna: waan gamiich'ani, ka humnaani, ka iraani dambalaa, harka keesaniti naqani. Akuma isani namaa biimitani akasuma isanii biimani.
Anini ya waan ch'ufa isani agarsiise, aka nu akasi hojanne nama lalaafa qarqaaru malle. Ammalle dubbi Aabbo Yesoni jed'e qaabad'a, ta inni, Wonti kennani waan fud'atani ira eeba qabdi jed'e.
Isani eeba Aabbo keenna Yeso Kristo imbeetani: inni dureesa, ammo maro teesaniifi ufi hiyyoomse, aka hiyyuma ufitiini isani duroomsu.
Nami duri wo hatu ha hanna lakise hojatuuti, aka harka ufitiini ufi bulche hiyyeeyile qarqaaru.