27 Ammo waan anini isani ka d'ageetaniini jed'u, Nyaapa keesani jaalad'a, nama isani jibbu waan dansa tolcha,
Duuba hayyichi waan raaga sunini jed'e, AABBO Waaqa kanke yaamad'u, aka inni harka kiyya na fayyisu na kad'ad'u! Duuba raagi AABBO Waaqa kad'ateefi, inni harka hayyu fayyise.
Yo nyaapi kanke gufate jige gaargala keesa seenu ingammadiini.
Nu Waaqa waan inni wo d'ossufi guddimna; ammo hayyoota waan isiini woi nama barsiifte namaa didufi ulfeesina.
Ammalle inni waan worraani jed'e, Waan d'ageetani mid'aafad'a! Waan isani namaa kennitani isanile kennani, iti isani daranile.
Yesoni waan jed'e, Aabbo, worra kana araarami, waan tolchu jirani imbeekhani. Woya isaa hit'a buufatani qoodatani.
Ayyaana keesani hojja nami isani jibbe gusse arabse, maqa keesani aka waan hamtu alati gatu, maro Ilma Namatiifi!
Ammo nyaapa keesani jaalad'a, waan dansa tolchaafi; ergisaafi, ammo woma iraa ineegatiina. Duuba waan guddo argattani, ilmaani Waaqa Gubba Jiru taatani. Wonti akanatiifi inni worra galata imbeenneefi worra dabale inahafi.
Mid'aani biyye dansa keesa jigani suni jara dubbi d'ageennaani garaa d'ugatiifi dansaani qabate obse mid'aani baasu fakaatani.
Tanaafi waan d'ageetani ch'ufa keesa ufi eegad'a. Wonti akanatiifi, nama wo qabu hagasi ira iti daraniifi, ammo ka woma inqamne diqo inni qabule iraa fuud'ani.
Mid'aani gari fulla biyye dansa jigani, baanaani mid'aani d'ibbaa d'alani. Dubbi tana jennaani Yesoni waan jed'e, Nami gurra qabu ha d'agayuuti.
aka Waaqi Yeso Nazareti Lubbu Qulqullofi jabeennaani muude, isani imbeetani. Inni fulla ch'ufa dedeeme waan dansa tolche, nama Sheet'ani gaargalche ch'ufa fayyise, waan Waaqi isa woliini jiruufi.
Ammo Pauloni qonqo olfud'ate iye waan jed'eeni, Woma ufi intolchiini, nuuni ch'ufti arma jira.
Jennaani inni jilbifate qonqo olfud'ate waan jed'e, Aabbo, ch'ubbu tana worrati inheregiini. Eegi waan kana jed'e due.
Tanaafi haga qoomni qamnu nama ch'ufaa waan dansa tolchu malle, keesuma worra d'ugefacha aka teenna qabu.
Qorqorad'a, aka nami tokoleeni haalo woli imfuune, hojja ch'ufa waan dansa wolifi nama d'ibile tolcha.
Jaala kiyya, waan hamtu gula indeemini, ammo waan dansa gula deemi. Nami waan dansa tolchu ch'ufti ka Waaqaati; ka waan hamtu tolchu Waaqa ingarre.