Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Luqaas 6:20 - KITAABA WAAQA

20 Yesoni jara ufi millate waan jed'e, Ayyaana keesani hiyyeeyi: Finni Waaqa keesani!

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Luqaas 6:20
35 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Wonti diqooni nami d'ugaa qabu, waan guddo nami ch'ubbu qabu ira jirti;


Nami hiyyeesi, ka ufi inguddimne, kiyyibaa hori saame qoodatu ira gooma.


Hiyyeesa ch'ubbu inqamneti daalle kiyyibdu ira gooma.


Hiyyeesafi nami guddinna inqamneleeni deebie gammade waan AABBO Waaqi qulqullooni Israeli namaa kennu argata.


Nami lafafi gubba uume anumaniti? Nami anini iraa gammadu, nama ufi diqeese ch'ubbu lakise, na sodaate naa saalfatu.


Anini achiti gumi balchiti, ta ufi inguddimne, ta qarqaarsa naraa fed'attu, lakisa.


Duuba akanaani wold'aqisa guyya suni ch'absani. Worri hooliye bite gurgure kaani na laaluu jira. Worri imbeekha aka waan kana anini dubbi Waaqaa gula hojad'e.


ballaani lafa arga, naafi indeema, nami qomaat'a qabu inqulqulla, duudaani ind'agaya, reefale kaasani, Odu Dansa hiyyeeyiti odeesani.


Duuba Hayyuuni waan hooliye harka mirgatiini jed'u, Abbaani kiyya ya isani eebise, koota, guddinna haga lafa uumani isani mid'aasani seena.


Yesoni gumi arginaani gaara kore gubba tae. Jennaani jari isaa gara isaa d'ufe,


Insodaatiina, gumi diqo! Wonti akanatiifi Abbaani keesani Finna isaa isanii kennu fed'a.


Achiti bootani ilkaani qartani hojja Abrahamufi Isaaqofi Yakobofi raaga ch'ufa Finna Waaqa keesati agartani; ammo isani alati gatani.


Gumi teete sagale nyaattu keesa namichi toko waan kana d'ageennaani waan Yesoni jed'e, Ayyaana isati ka sagale Finna Waaqa keesati nyaatu.


Ammo Abrahamuuni waan jed'eeni, Gurba, qaabad'u, atini jireenna kanke keesati waan dansa argatte, Lazaroni waan hamtu argate; amma isa armati qorqoratani ammo atini gaargalu jirta.


Lubbuuni Aabbo na gubba teeti. Inni ya na muude aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeesu. Inni ya na erge aka worra hid'ani waan hiikhaansa himu, aka ballaleeni lafa argu, aka nama gaargalchani gaargala keesaa baasani,


garaa worra d'ugefate jabeese aka d'ugefacha keesa taani gorse waan jed'e, Nu gaargala guddaani Finna Waaqa argachu malle.


ato nu lalefannele, nu hojja ch'ufa gammada qamna; hiyyeeyi fakaanna ammo nama heddu duroomsina; waan woma qamnu imfakaannu ammo waan ch'ufa inqamna.


Gaargali worri argate guddo worra ilaalate; ammo guddo gammadani arjoomaani namaa wo kennani, ato hiyyeeyi tahanile.


Isani eeba Aabbo keenna Yeso Kristo imbeetani: inni dureesa, ammo maro teesaniifi ufi hiyyoomse, aka hiyyuma ufitiini isani duroomsu.


Nuufi Aabbo ufi fakeesitani; ammo ato guddo gaargaltanile, gammada Lubbu Qulqullo iraa argataniini dubbi aka dansa fud'atani.


Beesisi qorsuma Waaqa ta d'ugaa kana, maro waan kana ch'ufatiifi isani Finna Waaqa ka isani amma gaargalufiti jirtani kana ya maltani.


Ayyaana nama gaargala obsuuti; eegi ilaalacha dabsate, eebafi jireenna argata, ta Waaqi nama isa jaalatu d'aamate.


Ch'aqasa oboleyaani tiyya! Waaqi hiyyeeyi lafa tana fohate, aka d'ugefachaani duroomte, finna inni worra isa jaalatu d'aamate argattu.


D'ipufi hiyyuma tante imbeekha. Ammo atini guddo dureeti. Anini d'ara ta jari Yahudi intahiini ka ammo Yahudi ufiini jed'u suni jed'u imbeekha. Worri gumi Sheet'anaati.


Inni hiyyeeyi awara keesaa fuud'e, nama laafa woma inqamne fulla daara iti harani keesaa baasa. Inni worra suni worra gugurda woliini teesise barch'uma guddinna kennaafi, yayabi lafaa ka AABBO Waaqati, inni isii irati waan ch'ufa jaare.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ