Yesoni waan kana d'ageennaani waan jed'eeni, Nami fayyaa qabu ch'ireesa imbarbaadu, ammo ka fayya inqamneti barbaadata. Anini nama d'uga yaamu ind'umne, ammo maro nama dabaatiifi d'ufe.
Aabbooni kakhu ufi inuma guuta, aka nami gari sehuniti. Ammo inni guddo isani obsa; wonti akanatiifi inni nama tokole ka badu imfed'u, ammo nama ch'ufa ka daba iraa deebiu fed'a.