18 Jari, toko nama kokotae toko wosaasani baate d'ufeeni olseensisu fed'e, aka Yeso dura kayani.
Tanaafi gurri isaa lafa Shamu ch'ufa gahe, nama d'ukuba qabuufi ka fayyad'abaani gaargale, ka jinni qabu, ka gagabdufa, ka naafatele isatiini d'ufani, inni worra ch'ufa fayyise.
Ammo anini aka Ilmi Nama lafa tana keesati humna dabaani nama araaramuuni qabu isani garsiisa. Duuba inni namicha kokotae kaaniini waan jed'e, Waan anini siini jed'u, kai, wosaasa tante fud'ad'u, mana keetiti gali.
Achiti inni nama toko ka Ainea jed'ani arge, ka haga ganna saddeeti fayyad'abe kokotae sire ira ch'iise.