6 Duuba waan jed'eeni jabeenna lafa tana ch'ufaafi hori isiile ch'ufa sii kenna, wonti akanatiifi yayu harka kiyyati kennani aka anini nama fed'u kennu.
Ufi d'aade waan jed'e, Dureesa aka kiyya lafa tana keesati ingartani. Ilmaani tiyya heddu, hayyuuni ya guddinna naa dare, hojattu isaa taana ch'ufa ira na dabarse.
AABBO Waaqa guddati waan kana malate. Woni inni malateefi aka kiyyiba worra suni balleese jara isaani gugurda ch'eersu.
Booliti Ekheraa worrati beelofte, afaani iti baante nyaati. Isiini worra gugurda Yerusalemutifi gumi farso d'udde machoofte taani liqimsiti.
Duuba yo ati na guddifte wonti kuni ch'ufti kanke taati.
Ammatana qorsumaati lafa tana jira; ammatana gudda lafa tana balleesani.
Armaa achi anini guddo isaniini indubbad'u, wonti akanatiifi hayyuuni lafa tana d'ufuti jira, inni jabeenna womatu ka woiini na tolchu inqabu.
Abbaani keesani Sheet'ana, ammalle d'araa abba keesani tolchu feetani. Inni haguma duriiti nama ijeesa, d'ugale woma ira inqabu, waan d'ugaani isa keesa injirreefi. Yo inni d'ara dubbate akuma ufi dubbata; wonti akanatiifi inni kiyyiba, abba d'araati.
Dubbini tuni mama inqabdu! Sheet'anileeni ufi jijire ergattu ifsaa ufi tolchu indandaa!
Hojja suni kara lafa ka daba gula yaatani, hayyu jabeenna ka qilleensa ch'aqaftani, ka lubbu amma worra Waaqa inch'aqamne mohatu.
Akuma t'aafiini jettu, nami ch'ufti aka buuyo jira, guddinni nama ch'ufti aka daraara buuyo jira; buuyooni godde, daraaraani isii jiga,
Nu imbeenna aka nu ka Waaqa ammalle aka lafti ch'ufti harka Hama Kaani keesa jirtu.
Jawe guddo taani gadigatani! Isiini suni bofa duri kaani, ka Sheet'ana yokhaani Jinni jed'aniini, ka lafa ch'ufa sobe. Isaafi malaika isaa ch'ufa lafati gatani.
Bineensi suni aka qeeramsa jira, miili isaa aka miila goorjama jira, afaani isaa aka afaani nyeench'a jirani. Jaweeni taani jabeennaafi guddinnaafi humna ufi ch'ufa bineensa suni kennite.
Aka inni jara Waaqa had'e dabsatu ee jed'ani, ammalle jabeenna inni gosafi afaanifi lafa ch'ufaani dabsatu kennaniifi.