21 Inni dubbi fuud'e waan jed'e, Dubbini tuni ya arra ila teesani durati guutamte.
Tanaafi wonti raagi Isayani jed'e ya guutamte. Inni waan jed'e: Inuma ch'aqaftani ammo inhubattani; inuma ilaaltani ammo imid'aafattani.
Yesoni kitaaba ch'umnaani nama eeguti kenne tae. Nami ch'ufti ka Mana Waaqa kaani keesa jiru ila isati qabe isa ilaale.
Nami ch'ufti ka isa ch'aqase mame, maro dubbi dansa ta afaani isaa keesaa baateefi maadefate, waan jed'ani, Kunini ilma Yusufutiniti?
Isani T'aafi keesa barbaaddani waan isi keesa jireenna hegeri argattani ufi seetani. Ammo T'aafinu naa d'ugeesiti!
Waaqi waan duri afaani raagootatiini hime, aka Kristoni gaargalu male, akanaani guute.