17 Kitaaba raaga Isaya iti kennani, saannaani fulla dubbi tana iti t'aafani arge:
Ammo Abrahamuuni waan jed'eeni, Worri Musafi raagoota qaba, ha dubbi worraa d'agayaniti.
Wonti akanatiifi Daudini kitaaba Faaru keesati waan jed'e, Aabbooni waan Abba kiyyaani jed'e, Gama harka kiyya ka mirga tai,
Jennaani inni Nazareti fulla inni iti guddate d'ufe, guyya Sabato Mana Waaqa iti kad'atani d'aqe akuma aada isaa, olejate dubbi Waaqaa soome.
Lubbuuni Aabbo na gubba teeti. Inni ya na muude aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeesu. Inni ya na erge aka worra hid'ani waan hiikhaansa himu, aka ballaleeni lafa argu, aka nama gaargalchani gaargala keesaa baasani,
Yesoni kitaaba ch'umnaani nama eeguti kenne tae. Nami ch'ufti ka Mana Waaqa kaani keesa jiru ila isati qabe isa ilaale.
Eegi dubbi Seeratiifi ta raaga soomani, jaaroleeni Mana Waaqaa kaani nama worrati ergite waan jetteeni, Oboleyaani, yo nama gorsu feetani, dubbad'a.
Wonti akanatiifi worri Yerusalemu taufi jari gugurdaani worraleeni fuula isa imbeekhani yokhaani dubbi raagootatiifi ta Seera ta guyya Sabato ch'ufa soomani inhubanne. Ammo duisa Yesoti murani aka akasiini dubbini raagooti fadde guutamtu.
Duuba akasiini Waaqi worra yaala bahe, aka worri urji gubbaa kad'atu iti lakise, akuma kitaaba raagoota keesati t'aafani, Gosa Israeli, isani ganna afurtama lafa aloo keesati sorio naa inqalle.