7 Duuba Yohanani waan gumi batifamu d'ufteeni jed'e, Isani ilmaani bofa! Eentu aka dalansu d'uftu duraa baqattani isaniti hime?
Anini siifi niiti tana nyaapa wolti tolche, d'alooti keesanileeni woli jibba. D'alooti isii mata si ch'arase, atileeni hirba worraa nyaatta.
Mali isani d'aatani, aka okhokaani bofa had'aa qabu, nama ijeesa. Yo okhokaani suni ch'absani bofati gabaha! Ammo mali keesani woma isani imbahu, akuma woya sapupaani mid'aasani jira, ta woma keesaa injirre.
Isani ilmoole bofaati! Akami dandeetani waan dansa dubbattani, yo isani hamamo taatani? Wonti akanatiifi afaani waan garaani qabu dubbatani.
Isani bofafi ilmaani bofaati! Murisa hegeri dandeetani duraa imbaatani.
Worri daba ufi himannaani inni galaana Yordani keesati worra batise.
Abbaani keesani Sheet'ana, ammalle d'araa abba keesani tolchu feetani. Inni haguma duriiti nama ijeesa, d'ugale woma ira inqabu, waan d'ugaani isa keesa injirreefi. Yo inni d'ara dubbate akuma ufi dubbata; wonti akanatiifi inni kiyyiba, abba d'araati.
waan jed'eeni, Atini ka kiyyibafi ch'ubbuuni guutamte, ilma Sheet'ana, nyaapa d'uga ch'ufaa, karaa Aabbo ka d'uga balleesu illakiftu?
Ilma isaa ka gubba gadi d'ufu eegattani, Ilma isaa Yeso, ka inni duisa keesaa kaase, dalansu Waaqa ta hegeri d'uftu duraa nu baasu.
Duuba waan lamati jira, ta injijiramneefi ta Waaqi dandae irati inkiyyimne.
Nami daba tolchu ka Sheet'anaati, waan Sheet'ani haguma duriiti daba tolchuufi. Ilmi Waaqaa aka huji Sheet'ana dabsatuufi d'ufe.