47 Guddaani askarti waan tahe arginaani Waaqa faarse waan jed'e, D'uguma namichi kunini nama d'ugaati!
Hojuma suni golli Mana Waaqa fulla lamati gubba gadi tarsae. Lafti chochote, d'akhaani dayae,
Gudda askartitiifi askartiini isa woliini jirjirtu lafa chochoteefi waan tahe ch'ufa arginaani, nahani waan jed'ani, Nami kunini d'uguma Ilma Waaqaati.
Biyyiti waan kana arginaani sodaate, Waaqa ka jabeenna akana kana namaa kenne guddifte.
Guddaani askarti ka isa dura eju, aka inni akasi hafuura baafatu arginaani waan jed'e, D'uguma nami kunini Ilma Waaqaati.
Nu d'uga arganna, nu gati d'uguma ta huji teenna arganna; ammo namichi kunini woma iyakine.
Yahudiini waan jette, Nu seera qamna, seera keenna suni gula inni duu male, waan inni Ilma Waaqa ufiini jed'eefi.