25 Inni nama worri fed'u, ka waan lolatiifi waan ijeechatifi hid'ani kaani hiikhe, Yeso harka worrati kenne aka waan fed'ani tolchani.
Hayyichi waan isaani jed'e, Gosafi beese worraale ya sii kennani, waan feetu tolfad'i.
Jennaani Pilatoni Baraba gadi lakise, Yeso d'aana jed'e, aka ijeesani harka worrati kenne.
Tanaafi Pilatoni, maro inni gumi gammachiisu fed'eefi, Baraba hiikhe, Yeso lichooni d'aane, Fud'ad'a, fannisa jed'eeni.
Himacha iti kaani waan jed'ani, Namichi kunini gosa teenna yake damoosa Kaisari imbaasina jed'e, Ammalle isaa, anini, hayyu ufiini jed'u d'ageenne.
Duuba Pilatoni aka waan worri fed'u tolchani mure.
Ato isa fuud'ani geesanu, namicha toko ka Simoni jed'ani ka lafa Kirene gara oobruti d'ufuu jiru, qabani maskali ira kayani, baachisani Yeso gula deemsisani.
Ammo worri isa d'owe waan jed'e, Inni biyya yake lafa Yahudi ch'ufa keesati barsiisa, haga Galilayatiifi haga armale.
Worri ammalle gohe waan jed'e, Isaaniti, ammo Baraba nu hiikhi. (Barabani suni shifta.)
Jennaani Pilatoni harka worraati kenne aka olfannisani. Jennaani worri Yeso iraa fuud'e.
Inni qulqullofi dansa, ammo isa diddani Pilato kad'attani aka algala toko isani hiikhani,
Amma hayyuuni isani fohatani kunooti ka isani nuu kenna jettani kad'atani, amma Waaqi ya isa isanii kenne.