22 Pilatoni maro sadeeso waan jed'eeni, Maafi akana? Waan hamtu maani tolche? Anini waan tokole ka inni duu maleefi ingarre. Tanaafi anini d'aane isa hiikha.
waan jed'eeni, isani nama kana natiini d'uftani, inni nama wolti yake jettani isa himattani. Anini isani durati gaafannaani jallu isani isa himattanini tokole ingarre.
Tanaafi anini isa d'aane galakisa. [
Pilatoni ammalle worraani dubbate, maro inni Yeso hiikhu fed'eefi.
Ammo gohani waan jed'ani, Maskali gubbati isa fannisi, isa fannisi.
Ammo jabaatani qonqo guddooni gohani, aka Yeso fannisani kad'atani. Eege gohanti worraa isa dabsate.
Pilatoni waan qaalole gugurdofi gumiini jed'e, Anini wollaala nama kana irati ingarre.
D'iiga Kristo ka guddo gati qabuti isani bite, ka aka ilme hoola bobotolefi miid'ama tokole inqamne.
Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.