19 Baraba, waan inni dira keesa lola baase nama ijeeseefi hid'ani.
Bara suni namicha toko ka Baraba jed'ani, jara lafa garagalchu fed'e nama ijeese woliini hid'ani.
Ammo gumiini ch'ufti ch'aarte waan jette, Nama kana nuraa balleesi, Baraba nu hiikhi.
Himacha iti kaani waan jed'ani, Namichi kunini gosa teenna yake damoosa Kaisari imbaasina jed'e, Ammalle isaa, anini, hayyu ufiini jed'u d'ageenne.
Pilatoni ammalle worraani dubbate, maro inni Yeso hiikhu fed'eefi.
Ammo worri isa d'owe waan jed'e, Inni biyya yake lafa Yahudi ch'ufa keesati barsiisa, haga Galilayatiifi haga armale.
Atini eennu kana? Namicha lafa Misiri, ka onana nama kaase shifta kunki afuri lafa alo geeseeniti?
Inni qulqullofi dansa, ammo isa diddani Pilato kad'attani aka algala toko isani hiikhani,