17 Pilatoni guyya jila Pasaka ch'ufa nama toko hiikhu male.]
Guyya jila Pasaka ch'ufa, hayyuuni nama hid'ani toko, ka gumiini kad'atte, gadi lakisa.
Jila keesa aadaani isaa nama toko ka hid'aansa keesa jiru hiiti.
Tanaafi anini isa d'aane galakisa. [
Ammo gumiini ch'ufti ch'aarte waan jette, Nama kana nuraa balleesi, Baraba nu hiikhi.
Ammo isani aada toko qabdani, aka anini nama toko guyya Pasaka isanii hiikhu. Tanaafi aka anini hayyu Yahudi isanii hiikhu feetu? jed'e gaafate.