53 Guyya ch'ufa nu Mana Waaqa keesa woliini jirra, harkaani na intunne. Ammo hojjaani tuni teesani, ammalle ta jabeenna dukanaati.
gammadi nama ch'ubbicha gabaaba, gammachuuni nama Waaqa imbeenneleeni haguniti:
Yesoni Mana Waaqa olseene; ato nama barsiisu, qaalole gugurdofi jari gugurdaani Yahudi isati d'ufani waan jed'aniini, Atini jabeenna kamiini waan kana tolchita? Eentu jabeenna kana sii kenne?
Jennaani Yesoni qaalole gugurdofi gugurda askarti Mana Waaqatiifi jaarole isati d'ufteeni waan jed'e, Aka waan hattu qabdani sheeftifi bokuuni d'uftani?
Jennaani Yeso qabani gara mana qaallicha gudda geesani, ammo Petroni fago hordofe.
Garaani kiyya ammatana herega gaargala qaba anini maani jed'a? Aabbo, gaargala kana keesaa na baasi jed'a? Hiyyo. Ammo maro gaargala kanatifi anini guyya kana gahe.
Jennaani inni qit'a suni fud'annaani hojuma suni alati bahe. Yo suni lafti halkani.
Armaa achi anini guddo isaniini indubbad'u, wonti akanatiifi hayyuuni lafa tana d'ufuti jira, inni jabeenna womatu ka woiini na tolchu inqabu.
Jennaani worri waan isaani qabani barbaade, ammo nami tokoleeni harkaani isa intunne waan guyyaani isaa ingayiniifi.
Duuba askartiini qaalole gugurdofi Farisayooti d'ufte. Worri waan askartiini jed'e, Maafi ind'ufiinaani?
Atini ila worraa bante, dukana ira gara ifsa worra deebifta, ammalle jabeenna Sheet'ana iraa Waaqati worra deebifta; aka d'ugefacha worri na d'ugefateeni daba worraa araaramaniifi, gumi Waaqi fohate keesati fulla argatani.
Wonti akanatiifi nu namaani woli had'uuti injirru, ammo qilleensa hama lafafi gubbatiini wolhad'u jirra, jabeennaafi irre gubba ta bara dukana kanale.
Inni ya jabeenna dukana keesaa nu baase, nagayaani finna Ilma isaatiini nu gahe.