50 Nami toko worra keesa garbicha qaallicha gudda d'ae, gurra mirgicha iraa kute.
Ammo namichi toko ka bira eju, sheefti ufi qalqala keesaa luqise, tisse qaallicha gudda d'ae, gurra toko iraa kute.
Jari isa woliini jiru waan kana arginaani waan jed'eeni, Aabbo, sheeftini d'oomna?
Ammo Yesoni waan jed'eeni. Ingeeti! Lakisa! Duuba gurra isaa tuqe fayyise.
Haalo imbaafatiina, jaalaani tiyya, ammo ha dalansuuni Waaqaa haalo isani baaftuuti. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Anati haalo baasa, Aabbooni akana jed'e jetti.
Mihi nu waan lafa tanatiini haanu ka lafatiiniti, ammo ka jabeenna Waaqaati, ka fulla jabdu ch'ufa balleesu dandau. Nu wolmormiti d'ara ch'ufa balleesine,