17 Jennaani inni mudunu fuud'e eebise waan jed'e, Kana fud'ad'a qoodad'a;
Anini daad'i AABBO Waaqaa baase, Aabbo, atini ya na baafte, galati kanke imbadiini jed'aani.
Atini nyaapa kiyya ch'ufa durati jila naa tolchite; d'ad'ale na muude, waan anini d'ugule naa kennite na quubsite.
Nami tokoleeni ka deeme, nama nami iraa due d'aqe, sagale woliini nyaate lubbu iraa hambisu injiru. Nami tokoleeni ka woli nahu injiru, ato abbaafi haati namaa dootele.
Duuba, Buuyo ira tataa biyyaani jed'e, qit'a shanifi qurt'umi lamaani taani guure, gubba olmillate, Waaqa galata deebise, duuba ch'ach'abse, qit'a kaani jara ufiti kenne; worri biyya qoode.
qit'a torbaanifi qurt'umi guure, eegi galata deebise ch'ach'abse, jara isati kenne. Jari biyya dura naqe.
Ato sagale nyaatanu, Yesoni qit'a fuud'e, galata deebise, ch'ach'abse, jara ufiti kenne waan jed'eeni, Kunini nafa kiyya, hood'a, nyaad'a.
Ato worri sagale nyaatu, Yesoni qit'a fuud'e, eebise, ch'ach'abse, worrati kenne waan jed'e, Hood'a, kunini nafa kiyya.
Jennaani inni qit'a fuud'e, eebimnaani ch'ach'abse, worrati kenne waan jed'eeni, Kunini nafa kiyya [ka maro keesaniifi kennani. Waan kana tolcha na qaabad'a.
Yesoni qit'a shanaaniifi qurt'umi lamaani taani fuud'e, gubba olmillate eebise ch'ach'abse jara ufiti kenne, aka gumi gololchani.
Nami guyya toko jaba sehu maro Aabbootiifi seha; nami waan ch'ufa nyaatuleeni maro Aabbootiifi nyaata, waan inni ato sagale suni inyaatini Waaqa galata deebisuufi. Nami sagale gari nyaachu diduleeni maro Aabbootiifi dida, innileeni Waaqa galata deebisaafi.
Hojja mudunu eeba ta Waaqaa galata deebimnuuni d'unnu, d'iiga Kristo qoodachuuti injirru? Hojja qit'a ch'absine nyaannu, nafa Kristo qoodachuuti injirru?
Wonti akanatiifi anini waan isani barsiise Aabbo ira argad'e: aka halkani isa gurgurani suni Aabbo Yesoni qit'a fuud'e,
Isani nyaattani quuftani, maro lafa gabbo inni isanii kenneefi AABBO Waaqa keesani galata deebiftani.