Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Luqaas 21:25 - KITAABA WAAQA

25 Akheekhati mullata adufi jiafi urji keesa. Lafa keesaleti gochiti ch'ufti ufi jibbaatti, maro gohannaafi d'awa galaana sodaataniifi waan tahani wollaalaani.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Luqaas 21:25
26 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

ato bisaani chochoani goraani kubilele chochoosanile insodaannu.


Urjini ch'ufti ifsu lakifte, aduuleeni hojja gabaatu dukanoofte, jiileeni ifsu dida.


Gochiti hedduuni chochoote akuma d'awa baariini dibbifte.


Jii dukanae aduuleni ifsu diddi; wonti akanatiifi AABBO Waaqa guddati Yerusalemu keesa gaara Sioni irati nama fide, jaaroleleeni guddinna isaa agarti.


Hojja guyyaani sunini gahe, worri akuma bisaani galaana dibbise Israeliti baafata. Nami lafa tana ilaale, dukanaafi gaargala ch'alla arga! Ifsa ya dukanti liqimsite.


Anini AABBO Waaqa keesani, ka baariini chochoose, d'awa isii dibbisise. Maqaani kiyya AABBO Waaqa gudda!


Anini lafa ilaale — isiini duwa, aka injirtu; gubbale millad'e — ifsa d'abe.


Malaikaani woya boofta uyifattu waan jette, Gaafasi malaikaani guddoni, Mikaeli jed'ani, ta gosa tante qorqorattu, ind'ufti. Duuba guyya gaargala ka haga nama lafa irati uumani takaa inarginiti d'ufa. Gaafasi nami gosa teeti, ka maqa isaa kitaaba keesati t'aafani ch'ufti lubbu baha.


Worra nami keesaa goomuleeni aka mogore nama woraana, ka ira qajeelaleeni hanqare fakaata. Guyyaani Waaqi biyya balleesu, akuma inni qara afaani raagootatini nama gorse, ya d'ufe. Biyyiti amma ya waan taatu wollaalte.


Maro tokotu, eegi garagala guyya suni, aduuni indukanoofti, jii iti deebie inifsu, urjiini gubba gadi jiddi, jabeenni gubba inhargufama.


Guyya gudda haga saa sagali lafti ch'ufti dukanoofte.


Bara suni eegi gaargala suni, aduuni indukanoofti, jii iti deebie infisu.


Jennaani Ilma Nama ka dumansa keesa jabeennaafi guddinnaani d'ufu argani.


Saa jaa geennaani, lafti ch'ufti dukanoofte haga saa sagali.


Worra gari sheeftini fit'ani, ka hafele boojiani lafa d'ibi geesani. Gochiti d'ibiini d'ufte Yerusalemu ira ejaanjatti haga guyyaani isii hobauti.


Nami naasuuni gagaba, yo waan lafati d'ufu heregu; wonti akanatiifi wonti gubba jira ch'ufti kara ufi iraa gorti.


Anini waan mama gubbati agarsiise, lafa keesaleti akheekha agarsiisa: D'iigafi ibidafi aarati lafati bua.


Jennaani anini barch'uma guddinna adi guddafi nama ira taule arge. Lafafi gubbaleeni isa dura baqatte, fulla d'abde.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ